Seensa
Ummanni Oromoo karrayyuu Ummata Aadaa fi Gadaan Bulu. Oromoon Karrayyuu Naannoo Oromiyaaa, Godina shawaa bahaa Aanaa Fantallee keessaa fi Walloo keessattis ummata argamuu dha. Oromoon Karrayyuu Uummata Aadaaa isaa Jaalattuu fi Horsiisee Bulummaan baroota Gidiraa fi Cunqursaa hedduu dabarsuun hanga ammaa Aadaalee duudhaa fi Sirna Gadaan Walbulchaa jiraatuun isaanii ni beekama. Heerotaa, Aadaa Duudhaa Sirna Gadaa oromootiin hanga ammatti kan bulaa jirudha.Karrayyoon ilma bareentuuti abbaa basoof dullachaati.Ummanni karrayyu kun nannoo fantallee kana keessa oromoota ituuti waliin jiraata.
Shanan Bareentoo;-
Xumuugaa, Murawwaa, Karrayyuu, Hunbanna fi Qalloo yeeroo ammaa kana karrayyuu fi ituu addaan baasanii beekun haalan ulfaata.ituu nannoo fantaallee keessa jiraattu jechuudha.Nannoo fantaallee keessa karrayyuu fi ituutu jiraata baayyinni isanii gara kuma dhabbiiti.Kuma dhibba kana keessa kuma torbaatamni oromoo ituuti ja'ame tilmaamam.Ummanni kun ummata walitti kenne walirra fuudhe ummata wagga 400 caala walin jiraacha jiruu fi umata akkan wla jaalatu
Oromoonni isaaan daangeessu, Gara bahaan:Ituu ,Gara lixaatti Arsii, Kaabaan Uumattota naannoo Afarii fi Lixaan Uummattota naannoo Amaaraa Xarafaan kan Argobbaa saba jedhamutti baay’atuu fi akkasumas giddu gala teesuma lafaan (Argaman ) Magaalaa Gudditti Naannoo Oromiyyarraa fageenya kilometirii 200 fi Magaalaa Adaamarraa immoo 100KM ta’utti tilmaama
Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalletti
Oromoon karrayyuu ilmaan Bareentumaati gosa warra Baasoo fi Dullachattii. Dhiittaan baroota Mootummaa Abbootii irree kan Minilk 2ffa bara 1889-1913tti,akkasumas Mootummaan Abbaa irree Kan DERG,irraa hafuudhaan Aadaa boonsaa Orommon hundi ittiiin bulaa ture Sirna Gadaa isa Democracy, kan heeraa fi seeraa, kan fuudhaa Heerumaa, kan tumaa caffee odaa, irratti ciniinnatanii sadarkaa amma irra jiran kana ga’aniiru. Karrayyuu Aadaan Bulti, Aadaan kunis kan Gosa (tuutni ) ittiin wal to’attu, badiisa hamaa, Arraba hamaa, Hanna hamaa, Abbaa fi Haadhaaf yoo ajajamuu dide, Abbaan manaa dhibbaa guddaa yoo haadha manaa isaa irratti yoo geggeesse,S rna Gadaa keessatti yoo waan ajajame dide, warra soddaa isaa yoo arrabse, Safuu Aadaa yoo cabse, Gargaarsa nama rakkateef (tuuta) isaa yoo gargaaru dide, fi k.k.niif, Gosti hundinuu mataa mataa isaanitti Damiina (Hayyuu) Gosa isaaniitiin wal bulchuu fi Gadaa jaallatamtuu, Kabajamtuu fi beekamtuu Tuuta shananii kan akka Dirmajii, Meelbaa, Michillee, Halchiisa(Duuloo) fi Roobalee ta’anii hanga har’aan tanatti ittiin bulaa jiru.
Heeraa fi seera Oromoon karrayyuu Tuumattee uumamaan qabdu kuni haalawwaan addunyaan har’a irra jirtuun walqabsiisee yoo ilaallee iddoo baayyeetti walitti dhufa. Fakkeenyaf Adabbiin nama seera cabsee, seera mootummaan amma qabu wajjiin wal fakkaataadha. Dhaloota gara dhalootatti yeroo darbu wantoota nuti warra amma jirru kana nu boonsuudha. Sirni Gadaa akkuma oromoo hunda biratti beekamaa ta’een waggaa saddet saddeetiin wal harkaa fuudhu, Marsaan Gadaa tuuta tokkoo waggaa 40’n naannee’ee dhufa. Kunis Aadaa Oromoota akkaa Booranaa, Gujii fi Shawaa waliin wal fakkaata.
Haala aadaa dardara Karrayyuu
Kan namatti tolu keessaa waa’ee Aadaa yeroo jennu Dardarri karrayyuu kan ittin beekamu uffannaa Aadaa fi Dabbasaa Gunfura (Goofaree) dhaan beekamu. Akkasumaas Dubartiinis Uffannaa Aadaa dubraa fi kan dubartoota heerumanii qophaa isaaniitti beekamu. Kana qofa osoo hin taane Nyaanni Marqaa Aannaniinii fi Dhadhaa Marqaa Urgeeffameen nyaachuudhaan beekamu.
Baroota mootumma abbootii irree Menik 2ff fi Dergii keessa Bokkuun oromoo irraa yeroo fudhatuuf turanitti ummanni karrayyuu qabsoo guddaa gochuun keessattu bara mootummaa abbaa irree Dergiii, Aadaan isaanii hundi akka hafuuf, Daangaan isaanii gara naannoo amaaraatii akka citu ga’ee guddaan kan taphate mootummaa Dergiti. Ummani karrayyuu Karaa daangaa hundaan lolli itti jabaatullee, Aadaa ofii akka gadi hin dhiifne murteesuudhaan dhaamsa waliif dhaamanii irratti cininnatanii dhaloota amma jiru kanaan ga’aaniiru.
Qabeenya uumamaa kan haroo Nogobaa kan jiraattonni naannoo sanaa maqaa abbaa biyyaa dhiisanii Basaqa ittiin jedhan, Paarkii Awaash fi Gaara Fantalle kan dheerinni isaa Kilometirii 2007 fagaatu akka alagaaf hin kennamne ga’ee ummanni karrayyuu Fi Ituu godhe keessaa isa olaanaa fi gonfachiisaa tureera. Karrayyuun Fi Ituun yeroo lafti qonna shukkara mataharaaf irraa fudhamee kaaftee jecha tokkoon xumurti kunis, Abaadir biyyoo shaankooraan, Gobbu Malkaa Nogobaan jedhanii gabaabatti xumuru. Karrayyuu Fi Ituun baroota dhiphuu sana keessa oromoon biraa ofuma isaanii waan itti fakkatuuf namni surree Uffatee gaafa dhufu kuni Sidaama jechuun Aadaa keenyaa miti, Oromoon Gunnuffee hin uffattu jechuudhaan baroota dheera miidhamaa turaniiru.
Sababiin kana jedhameefiis yeroo dhibbaan karaa daangaa irratti geggeeffamaa ture sana gargaarsi mootumaa abbaa irree yeroo sanaa Dergiin gootota fixuu, Fannisuu fi akka isaan waraana deemaan dirqisiisee ture. kanaaf saba biraa waan of biratti hin beekneef, kunis ta’uu kan danda’eef aadaan nyaataa, uffannaa, akkasumas marsaan gadaa isaanii tokko waan ta’eef, Kanuma keessa ta’uun tokkuummaan Ummata karrayyuu akka cimuuf dhageetti jaarsa , Hayyoota gosaa (Damiina ) fi Abbotii Gadaa warra gadaan harka jiru (Doorii ykn Gabalaa) dhaga’uun diinota isaanii ofirraa ittisaa turaniiru.
Yeroo ebbifataan tokkummaadhaan wal harkaa fuudhuun eebbifatu
Kan_ebbisu #jalaa_qabdoota.
Miinya Dahi, Goduu dahi ziiz
Huurubni Mirga ,dirreen dannaba ziiz
Adaboon Gooba Goobni geerarsa ziiz
Alaalaasi, Alaa Gali ziiz
Dando ta’i ,Sindanda’iin ziiz
Fantallee ta’i,mul’adhu ziiz
jechuudhaan Doobbi ta’i,Diina gubi itii fuufuun eebbifatu.
Sirnii Gadaa Oromoo Karrayyuu biratti karaa guutuu ta’een aangoo bulchiinsa Gadaa wagga Saddeet Saddeetiin Sirna baallii wal harkaa fuudhuu iddoowwan Seena qabeessa tahan kanneen akka #Tarree_Luugoo fi #Leedii jedhamuun beekkamutti gaggeeffatu turan. Karrayyuun hortee Oromoo Shanan Bareentumaa keessaa tokko yoo tahu, Caaseeffamaa Hidda laatinsa Oromoo Karrayyuu ilaalchisee yoo xiqqo kan ilaalu tahe, Oromoo Karrayyuu Gosoota gurguddoo lama qabu. isaanis:-
#Dullachaa fi
#Baaso Jedhamu.
Dullachi hangafa yoo ta’u Baasoo ammoo quxuussuu dha. Oromoon karrayyuu Hundeen gosa Dullachaa Shanan Dayyuu fi Sadeen Booxa ja'aamanii bakka lamatti hiramuun beekkamu.
Dullachii :-2
#Shanan_Dayyuu.
Dayyuu, Tootayyaa, Abaadhoo, Booddaa, Hawaasoo
#Sadeen_Booxaa
Mulaata, Gurraachuu fi Galaan
Baaso :-2. Baaso Torban Iluu fi Saglan Galaan ja'aamuun beekamu.
Torban_Iluu Sadeen #Dhaasuu fi Afran #Arbii walitti Torban Iluu jechuun beekamu.
Dooranii, Kooyyee, Mulaata (Dullacha Keessaa) tahanii, Gosoota Ituu Murawwaa kaneen akka Algaa, Moomajjii Jiillee, Addaayyoo fi Waayyee dabalatanii "#Saddeettan_Daadhii” jechuudhaan yaamamu. Saddeet Daadhiin Fantaallee jirtu fi Saddeeti Daadhiin Carcaritti beekamtu adda adda. Tan Fantaallee Ituu fi Karrayyuu irraa jaaramte. Tan carcar jirtu moo bifa kanaan addaa qabdi.
#Saglan_Galaan.
Dagaa fi Beerree ilmaan Karrayyuu Baaso Galaan keessaa tahun, gosa Ituu keessaa Gaamoo, Baabboo, Baayee, Meettaa Wacaalee, Elellee fi Liiban dabalachuun Saglan Galaan Ja'aamanii yaamamu. More
