๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐
Artist Haacaaluu Hundeessaa Kan Dhalatee Abbaa Isaa Obbo Hundeessaa Bonsaa Fi Hadhaa Isaa Addee Guddattuu Horaa Irraa Bara 1976 nannoo Oromiyaa Godinaa lixaa shawaa Magaalaa Ambootti Dhalatee.
Art Haacaaluun Maatisaaf mucaa shanaffaa yoo taโu obbolloota dhiiraa jaโaa fi obboleeyyan durbaa afur qaba.
Akkuma ijoollee Oromoo kamuu Haacaaluun maatisaaf loon tiksaa akka guddate dubbata.
Barnootasaa hanga kutaa kudha lamaatti achuma magaalaa Ambotti barate.
Haacaalun baayyinaan maatiisaa biratti kan guddate yoo taโu akaakayyuusaa biras jiraateera Akaakayyuusaa waan jaalatuufis, mana barumsa dhihoo jiru dhiisee kan naannoo mana akaakayyuusaa jirutti fagoo deemee barachaa ture.
Haacaaluuf Magaalaa Amboof Olmaa Gudda qaba Akkasumas Ummata oromoo Hundaaf. Amboo magaalaa Oromiyaa gara dhihaatti aanaa Amboo keessatti argamtu Magaalaan kun Finfinneerra gara dhihaattii Kiilomeetira 125 fagaattee argaamtu Yoo tatuu goota Oromoo Kanaa Biqilchitte guddisu Kessati Ga,ee Olaana qabdi.
Haacaaluun jjolumaa isaa irra kasse Ummataf Maati Isaa Quqama qabachuu Isaa kan Dubbatan hiriyyoni Isaa Bara 1995 Wayitaa Baratta Tureti ummataa isaaf Falmuuf Ol jedhee Fuldura Galee dubbachuu fi moormufi ture.
Ijoolluma irra kasee fedhiin inni Muziqaf Qabu Olโaana ture Haa taโuu Garuu Abba Isaa obboo Hundeessa irra Fudhatama Hin arganee ture Abban Isaa Obbo Hundeessaan Ilmii Isaa Por. ykn Dr akka taโuuf hawwu wan taโeef Weellissaan goola Qabuu Goolo Maale Jechuun Qaneessu Ture.
Garuu Fedhiin Isaa kessaa jiru Loola fi Xirโuu Abba Isaattin Hin Dangeffamnee yoo Maati Biraa bahee Loon Tiksuu Afaan Isaa osoo gunguumu olaa.
Ijoolummaa irra kaasee sirbaa Dawwite mokonnin Fi Sayoo (Tsegayye) Dandaanaa siritti Wellisufu Akka isaan Hordoofus Jaalatu dubbata Haacaaluun. Sirbaa Dawwitee Mokonnin Kan Fardaa gurrachaa
lagarraa Kachiisani
Osoo Wal Jalannuu
Wal Nu wallaalchisan โฆโฆ
Jedhuu Afaan isaa Irra Akkaa hin bufnee dubbataa. Yeroo sanatti Haacaaluun wellisuu maale Akkamitii Akka walaaloon fi Yedaloon Barraahu Hin beeku ture.
Barattaa Cimaa taโuu Isaa hin Bekku inni garu Dhugaan jiru inni Dr taโee biyya kana jijjiru Kan Dandaโuu Akka taโee Hirriyooni Isaa ni Himuu. wayitaa barataa turetti mirri inni qabu Muziqaa taโuus ummata isaaf dursaa laata ni moormaf kanumarra kan kaโee bara 1995 woytaa barataa sadarkaa lammafa turetti Umrii waggaa 17 tiin Qabamee Mana hidhatti Darbatamee.
Haacaaluuf Karchaaleen Amboo mana Barumsaa Cimaa ture Achiiti Hooji Jajjabduu lammi isaa mirgaa isaaf dubbate hidhamee waalin wal argee qabsoon mal akka taโee achii baree jirenyiis maal akka taโee hundumaafu hacaaluuf Mani Barumsaa Lamaata achii Akka taโee himma.
Yeroo Karchalee Amboo Turetti Namoota Maqa Ofii Baressuu Hin Dandenyeef Akkasumaas Waa dubbisu Hin Dandenyeen Bulchinsaa Mana Hidhaa Waalin Taโuun Barnoota Gaโeessotaa jalqabsiisee. Namoota Bayโeefi Wabii Jirenyaa taโee Ture.
Haacaaluun Woggotaa Shaanif Karchalee Ambootti Yoo Dabarsuu Abbaa fi Hirriya isaa qofaa dedebbiโani Gafachaa turan Abban koo Jedha Hacaaluun Yoo Mana Hidha dhufuu Jabbadhuu ilmaa koo Mani Hidhaa Qorasummaa Dhiratti nan jedha ture. Aniis Jabbina isaan Naf laatan qabadhee jabadhee hojedhee.
Haacaaluun Mana hidhaa kessaa taโee muziqaa isaa namoota waliin mana sirressaa jiranif yoo sirbuu namoon naa fanaa immiman isaan buusu ture annii sirbuu maale Qabiyye isaaf hin cinqaamu yeddaloo isaas yoon miraa keessaa gaalu ofii isaaf naf dhufa jedha
Sirbootan bayโees Barressu Egaale Wan isiin Ajaโibbu Sirba (Albamaa) koo jalqabaa kessaa Sirbootan Sagaal(9) mana hidha taโeen baresse walumaa galaatti Albaama koo jalqabaa mana sirressatti xumuure jechuu ni dandaโama jedha Art haacaaluaan.
Turtii waggaa shanii booda bahe Achii kaโee finfinnee gaale achittis na qabanii torbaan tokkof makaaalawiti naa hidhaan.โHamma tokko bilchaadhe akkan bahu na godhe. Waan hunda of-eggannoodhaan akkan raawwadhu na taasise.โ
Abbaan isaa harโas karaa ilmi isaanii filatetti hin amanne Daandiin isaa barumsa akka taโu yaalaniis hin taane. Isaaniis innis yaada hin kaasne Gammachuu hin qabani jechuummoo miti. Sirba weellisaa hangafaa Wasanuu Diidoo, Jabbilootakoo, gaafa sirbe guddaa gammadani. Ilma abbaa caaletti fudhatani.โGuddattuu, Ilmikee reefu sirbite!โ jechuu isaanii harmee isaarraa dhagaheera.
Amma garuu Obbo Hundeessaan ilma dhalchan dhaalsisaniiru Amma Hacaaluun kan uummata Oromooti Hacaaluun Sirbootan Isaa miraa nama toโaatan Heddu Ummata oromoof kan gummache jira kessahujedhaa..โAlbami Lamaan Barootan Darbaan kessaa bahan jalatamumaa ol Aanaa akka horataan ni bekkaa garuu hammas ummata koo biratti ni leelifamaa jedhee hin welisnee Miraa koo kan quqaa ummata koon Dubbachaan tureโ Wellewan Albamaa isaa bara 2009 fi 2013 Bahan Kan Mat Duren Isaa # Sanyii_Mooti fi Waโee kenyaa Jedhuu Gura ummatan gahee jira.
Albamoota kaneenin Alaa Yeroo As Dhihoo kanatti sirbaa qenxee โMaalan Jiraโฆ.?โ jedhuufi โJirraโ gurraa ummatan gahuun fudhatamaa olaana argateefi jira. sirbooni isaa dawwatamuun iddo olaana kan qabatanidha. akka fkn yoo illale seena ummata oromoo keessaati sirbii youtube irrati 1.5M ol dawwatame hin jiru kun fudhatamumaa muziqaa isaa kan nutti garsisuudha.
Hacaaluun Qabsoos Muziqaas akkasumaas Ijoolummaan Jalqabe. Yeroo Amma kanatti Art Hacaaluun Bultii Kan Ijarrate yoo taโuu Ilmaa tokkoos ni qaba.Haati mana isaa Addee Faantuu Damissoo Diroo jedhamtii Oggetti fayyaa yoo Tatuu Art hacaaluu waalin jaalalaan woggota Kudha torbaa(17) olif Kan turte yoo taโuu Ergaa gaโeela rawwatani Waggaa sadeet Guttani Jiru Maati Horanii intalaa durbaa tokko Midhagdu Takka Dessefi Jirti Maqan Ishee Wabii Hacaaluu Hundeessaa Bonsa Jedhamtii.
Hacaaluun Sirbaa Albamaa Isaa jalqabaa Irrati Olmaa kee jedhuu Isheef Akka Welissee Dubbaata โYeroo ani Hidhaa Karchalee Amboo Tureeti Torbee Torbee Deddebitee Na Gafachaa Kan turte Wan Taโee Isheef Ni xinnataโ Jedha.
Hacaaluun
Art Hacaalun namaa siyaasatti Jedhen gaffadhen ture โlakkii
Anii Namaa Siyaas Mitti Siyaasan Hin Bekku ani Kan bekku Rakko Ummata Koo Irrati Rawwatamuuf Sagalee Taโee tajjajilu Yoo Taโuu Namooni Akka fedhanitti na kaโuu dandaโuu Suun anaf Homma miti.โjechuun golabaa
Akka Artistoota Biroos Biyya osoo Bahin asiiti Qabsahuun Kun akkamitti Jalaate Dandette Jedheen ? โanii Biyya koof Dubbadhe Maale nama Ajjesses Mitti Kan biyya koo irra Essuf Namoot Bayโee na dorsisuuf Yaalani Turan sun Anaaf Homma
mitti Yeroo Alaa Demme Konsartii Koo Qophessuf Maale Haacaaluun afuun hin demnee biyya debbiโee biyya koo kessatti duโuu qaba jedheen yadaa ture garuu hunduu darbee Harโaa genyee jira.โ
Qabsoo Oromoo Irra gaheefi Dhimma Galmaa Barkumee hoo Akkami Naf ibsitaa ?
โAni Qabsoon Oromoo Harโaa irra jiru bayโee kan natti toluufi ummani koo yoom bilisomee argan hawwi koo ture kun naf milkaโuun isaa heddu natti tole . garuu ammas sodaa tokkon qaba Dhabbilen Oromoof Falmaan gaddisa tokko Sasabamuu Dhabuun Isaani Dandii Xinno Bana qabduu natti mulโataa
galmaa Barkumeeti Ani Akkuma Sin Jedhee mira Koo nan Demaa Quqaa Osoo Cirrachi Kophee kessan Si qorquu Dhabbate Demmu Hin Dandessu Kanaf Miraa Gaf sanaa Ture Anaafio Sanuma Sanaafan Irra shalale Anii Galmaa Barkumee irrati Sirbuun Koo Buโaa amma Argameef Wantii Busee Hin Jiru garu Ummani koo Yoo Gahe Qabdaa Nan jedhee Ni fudhaa.โ
yeroo Amma kanatti artiist Hacaaluun Ummata oromoo Gargaruurati kan fuleffate yoo taโuu gamaa birratin immoo Durataโaa fi wali qaba Gummii Artistoota Oromoo Taโuun Tajjajilaa ture.
Artist Hacaaluun Ilmaa sabaaf Dhabbate namaa Beeka Namaa Ummata isaa kabajuu Namaa Ummata isaaf Of warregu Taโuu isaa Hasaโaa isaa kessati Bare Jira.
Hacaaluun yeeroo kanatti abbaa ijjoollee sadii turee.
Xumura
Dhuma irraati Hacaaluun shiraa mootummaan biyyaa bulchuun irraatti xaxameen lubbuun isaa darbe.
Haacaaluun Oromoofi Oromiyaaf qabsayee,
Oromoofi Oromiyaaf Wareegame!
Nan Sobee nuun jedhe, osoo takkaa ofis saba isaas hin sobin dhugaa oromoo cichee wareegame!!
QABSAAโAAN NI KUFA , QABSOON ITTI FUFA!! DABALATA ๐๐๐seenaa Hayilamaaram Gammadaa
