contact@domain.com
AddisAbeba Ethiopia
Request a Quote
Seenaa Shek Qaamsaree
Home » Seenaa gootota oromoo  »  Seenaa Shek Qaamsaree

Artikiili

SEENAA SHEEK QAAMSAREE
Sheek Qaamsaree jechuun maqaa namaa Afaan Arabaatiin Asaabaa yookiin Ruhaaniyyii jechuu akka ta’e manguddoonni dhageettii ni himu.Kun akkuma jirutti ta’ee Gaara guddaa Guuguu irra qubatanii kan turan waan ta’eef maqaan gaara kanaatis Gaara Sheek Qaamsaree Jedhamee beekkama.Sababni Gaara kanaaf moggaasni maqaa Sheek Qaamsaree jedhu kun kennameef Asaabaan kun jaarraa 7ffaa keessatti kitaaba Amantaa musliimaa biyya Yaman irraa qabatanii gara biyya Itiyoophiyaatti kan galchan yoo ta’u , dursa kan qubatan biyya Baalee sana booda biyya Arsii Diida’a jedhamu qubatan. Aangoo waliyyoonni waliif qoodaniin yeroo sanatti Sheek Qaamsare aangoon biyya Fugug jedhamu akka bulchuuf abbummaan erga kennameef booda gara iddoo gaara Guugu jedhamu irra qubatan jedhama . kanarraa ka’uudhaan gaara kanaaf Moggaasni Shee Qaamsare jedhamu kan kennameef ta’uu isaa manguddooni kunniin ni himu .
Asaaban/waliyyaan / sheek Qaamsare kun jaalqaba maqaan ittiin beekkamu Nuurallaah Ahimad akka ta’e kitaaba bara 1352 gaangee sadiin/3/ magaalaa Adaree kaarra shaniitii bitame irratti kan ibsame ta’uu manguddoonni kun ni dubbatu .kitaaba kana keessatti seenaan ibsame kan sheek qaamsaree qofa osoo hin taane seenaan waliyyoota birootiis bal’inaan ibsameera jedhama
Akka seenaan kitaaba kana keessatti barreeffame ibsutti biyyi Guuguu jedhamtu kana waliyyiin akka sayyida Guuguu /Sheek Muhaammad guuguu/ dursa kan bulchaa ture sheek qaamsare ta’uun ibsamee jira jedhan.
Akka seenaa Manguddoota kanarraa dhageenyeetti sirna bulchiinsa sheek Qaamsareetin booda waliyyoonni akka Anduu Bulaad, #Sheek_Muhaammad_Guuguu akka bulchaa turaniifi sirni ittiin biyya bulchaniifi muudama aangoo namootaaf ittiin kennaa turan seera Awaa shananii jedhamee beekkam jechuun Manguddoonni kun nutti himaniiru.

SEENAA_SHEEK_MUHAAMMAD_GUUGUU (SHEEK MUHAMMAD AADAM)

Sayyidni Guuguu Abbaa isaanii Aadam Shuruufi Haadha isaanii Aaminaa(Coonii) Badhaasoo jedhaman irraa bara 1890 Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Aanaa Suudee Ganda Maanyaa Walqixxee iddoo addaa Saakkicha(Gannaale) jedhamutti dhalatan.Kanas kan himan nama obbo Aadam K/Huseen jedhamuudha.Dhalachuudhaan dura garaa haadhaa isaanii keessa naannoo waggaa torbaa taa’an .Yeroo kanas garaa haadha isaanii keessatti mul’achaa dhabamaa, mul’achaa dhabamaa turan.Garaa haadhaa keessatti gaafuma argame ulfa ji’a sagalii fakkaatee mul’ate qudraa Rabbiitiin jedhan ilmi isaanii obbo Ahmadnuur Sheekaa.Ulfa kana waanii isaa wallalanii abbaan isaanii hayyoota/manguddoota/ afur mariisisanii turan.Manguddoonni waa’ee kanaa irratti mari’atanis
1ffaa.Obbo #Jiloo_Obsee
2ffaa.Obbo #Kormee_Adi’oo
3ffaa.Obbo #Baddaa_Tarraamoo
4ffaa.Obbo #Qumbii_Kolisoo yoo ta’an
Abbaan she/ Muhaammad guuguu manguddoota armaan olitti maqaan isaanii ibsame kanneen Walitti qabanii ulfa kanarratti akka yaada kennan gaafachaa turan jedha seenaan.Manguddoonnis namni kun awaliyaa/ awliyaadha.Yoo dhalates Gaara Guuguu irra qubata garuu du’aayii barbaachisa jedhaniin.Kanaafuu abbaa isaaniitiin guyyaa dilbataa bulchii gogaa Qeerransaa biriifadhu jedhaniin Jiloo Obsee manguddoon biyyaa.Kana goonaan waggaa torba garaa haadhaa keessa erga turanii booda ni dhalatan.Guyyama dhalatan sana dubbatan .Erga dhalatanii waggaa torba(7) daaddeedhaan deemaa kan turan yommuu ta’u ,waan gadaan fuula duratti itti deemtu ummataaf himaa akka turan Obbo Ahmadnuur nuuf himanii jiru.

Gosa isaanii


Gosti isaanii Oromoo Arsii keessatti Bullaalla yoo ta’u balballi #Atuuchaadha.Dhalatanii waggaa diigdamii tokko yoo ta’an baruumsa Qur’aanaa kan eegalan hanga waggaa soddomii shaniitti Qur’aanuma qara’aa akka turan seenaan manguddoota Ganda Gaadoo Biilaa raga ba’a.Kana jechuun waggaa kudha shaniif qara’aa turan jechuu dha.Sheekni Guuguu abbaa ijoollee afurtamaa (40)ti.Haadha warraa hedduu kan fuudhaa turan yoo ta’u kul’ii/qabeenya qoodaafii hiikaa akka turan seenaan ni hima.Erga dhalatanii mootummaa Haylasillaaseetiin beekkamanii booda gara Aanaa Collee osoo hin dhufin haadha warraa Guyyoo Kimoo jedhaman fuudhanii bakka Haliilaa jedhamuun galan jedha ragaan namaa.Gara Aanaa Collee dhufnaan ammoo teessoo isaanii Ganda Gaadoo Biilaa iddoo #Liilloo jedhamu godhatan.
Awliyoota heddus muuchisaa erga turan booda iddoo Liilloo jedhamutti muujizaa isaaniitiin kalee horii keessaa Meeta/Ziqaaya taatee argamte.Kunis kitaaba seenaa isaanii irratti qabatamaan barraa’ee jira.Ummanni naannoos awliyummaa isaanii waan hubateef masjiida isaanii goona jedhanii korma sadihiin ijaaran.Kormi kan bitame Adaree Karra Shananii irraa ture.Sheekni Guuguu iddoo adda addaa jiraataa akka turan seenaan ni hima.Fakkeenyaaf biyya Daawwee jiraatanii jiru.Kanaaf ragaan Sheekkota akka Muhammad Amiin achitti barsiisaa turuu isaaniiti.Abbaan isaanii muujizaa Rabbiin isaaniif kenne kana waan hin hubanneef baay'ee s hin simanne ture.Lafa gaafatanii abbaa isaanii irraa dhaban.Kana booda sheeyni mufatanii, “ Ani gudeeda kee keessaa bahe malee yoo duraatuu ilma keetii miti na beeytaa?”Jedhaniin.Itti dabaluun ‘’Ani ilma Nuuranaa Huseen ?”jedhaniin abbaa isaaniitiin.Muujizaa Rabbiin isaaniif ta’e kana koottaa laalaa jedhanii “Maasaa midhanii cinaa tokko amma balleessaa daangarra dhaabbadhaa , kanaa achi balleessee kanaa achi akka jirutti dhiisaa ‘’ jedhaniin.Achumaan ummanni ba’ee osoo ilaalaa jiruu mil’uu isaaniitiin midhaan bakkumatti cinaan tokko badee cinaan hafe jedhama.

Itti fufees

Ummaanni bayee daawwataa tures sirritti dinqisiifatee ,itti ba’uu eegalees baay’ee beekkaman.Ummata hedduus walatti qabanii Liilloo irraa ka’anii Baale/Anaajina muuchisuu eegalan.Baale keessattis beekkamtii isaanii kanaan kan inaafan daargaan /jiraattonni dirree muudaa /eessaa dhufee nurratti mooyuu hedaa kun jedhanii jibbuu eegalan.Keessattuu gaafa Gaangeen isaanii hara lukkuu dhuydu “Hara lukkuu kan namni keenyaa hin dhugin inni Gaangee obaasaa kun digimti”jedhanii jibbanii lolaaf itti yaa’an.Sana booda abbaan Dirree ana kan ofiin jedhu kuniifi Sheekni guuguu eenyuma dhuguma ilma Nuur Huseen akka ta’e laallaa” koottu abbaa keenya nu maruu ni waamannaa jedhanii atis abbaa kee yoo ta’an waamadhu anis ni waamadhaa siif birmatanii fi anaaf birmatanii yeroo san laallaa”jedhaniin.Achumaan carraa duraa abbaa karraa saniif kenninaan abbaa kiyya naaf birmadhaa jedhee waame.Jalaa osoo hin awwaatin gaafa Sayyidni Guuguu waaman garuu gaarri hundi jalaa dubbate”Labbeeyka yaa ilma kiyya “jedhaniin.Isaanis haala kanaan ilma Nuur Huseen ta’uun mirkanaawee achittis beekkaman.Abbaan Nuuranaa Huseen Ibraahim binu maliik Sayyid Abdallaah, Sayyid Abubakar,Sayyidanaa Umar ,Sayyid Yaayyaa ,Sayyid Idriis fi Sayyid Iissaa dha.Sana booda ammoo ibaadaaf jedhanii gara dirree muudaa Sakiinaa dhufan.Sheekanaa Huseen Rabbiif jecha beelofnaan Hargiissaan nyaatan ,dheebonnaan soogidda dhugan fi daarraan dasee uffataa turan jedhama.Sakiinaa wayta dhufan asittis abbaan lafaa beekkamaan tokko kan Karoo Abdullaahii jedhamu tokkoon mormiin /inaaffaan/cimaan itti ka’uu jalqabe.Kunis galii isaaniif galu jibbaniiti.Sana booda ati taa’i ani Jabalnuur galaa jedhanii gaafa isaan Sakiinaa gad dhiisaniif deeman sanyiin Karoo Abdullaahi waan abaaramaniif sanyiin isaanii luqqaatee jirti jedhan obbo Ahmadnuur Sheekaa.Erga Jabalanuur galanii gamoo Nuuranaa Huseen fi Aayyoo Maakidaa erga ijaarsisanii booda muddee guyyaa 11/1953 umrii 63ffaa isaaniitti hajjabatan ykn du’an jedhan Obbo Ahmadnuur Sheekaa.


Guugu:-

Guuguun kan hijaaba baasan bara 1795 Sheek Muhammad Guuguuti.Guugu yeroo sanitti bosona /garambaadhaan /kan guutamteedha.Hijaaba baasuudhaaf ammoo wareega adii qalanii” baalabbaatota”akka Qumbii Kolisoo fi Jiloo Obsee waamaniiti.Yeroo hijaaba baasuudhaaf jedhan mukkeen achi turan ofumaa hiddaan buqqa’anii iddoo biraatti wal jalaa siqan jedhama.Yeroo san garbicha #Amduu_Bulaad jedhamutu achi ture jedhama.
Baddaa Tarraamoo:-jechuun lafa garbuun harka isaaniitiin rakkataadhaaf qoodamaa ture.Sheekni abbaa hiyyeessaafi abbaa qoodaati jechuudha jedhan.

Badoo_Ballawoo:-jechuun garbicha rabbi kan waaniin isaa hin beekkamin fi Sheeka Guuguu miiloo irratti qalanii akka dhibaafatan kan godhe isa ture.

Miiloo:-jechuun sibiila gurraacha ta’ee kan sibiila bakakkaa fakkaatu akka rog-afree wayiiti jedhan.Miiloon kunis iddoo shan irratti akka dhaabbatee ture barreeffama seenaa isaanii keessatti ibsamee jira.

Roobalee Daadhii:-abbaa lafaa fi abbaa Jamaal Roobaleeti.Kanaafuu obbo Roobaleen Sheeka Guuguutiin akkana jedhan”Ati silaa nama cimaa turteeyyuu garuu maaliif dubartii fuudhuu baay’iftaa?” jedhaniin.Sheeynis qalbii waan itti cabsaniif ati anaan jettaa ,atiiyyuu dubartii fuudhuu qabda”jedhanii sanyiin isaa akka dagaaguu qabu himaniif.Garuu Roobaleen waan dideef abaaramanii sanyiin isaanii amma muraasa jedha Sheek Ahmadnuur
Seera isaan ittiin bulaa turan/koree hojii raawwachiistuu sheek Muhaammad Guuguu
1, Seerri isaan ittiin bulan Awaa Shanan jedhama.Awaa shanan kunniin :-
1ffaa Amiinyaa
2ffaa Ataabaa
3ffaa Abroonyee
4ffaa Awlijaana
5ffaa Adamoonyee kanneen jedhaman turan.
2, Daraaraa Shanan
1.Daraaraa Midhaan Nyaataa
2.Daraaraa Dammaa
3.Daraaraa Heexoo
4.Daraaraa Jibrii
5.Daraaraa Bunaati.

3, Ganyaa Jahan kan Jedhaman ammo
1.Ganyaa Namaa
2.Ganyaa Horii Gaafaa
3.Ganyaa Kottee
4. Ganyaa Xaqoo
5.Ganyaa Gaalaa
6.Ganyaa Saree jedhamaniin bulaa fi muudaa turan.
Muuda:- jechuun kadhaa rabbiitiif ykn nageenyaaf walitti dhufuu jechuu dha.
Guugu:- jechuun maqaa namaa yoo ta’u ,maqaa Asaabaa Nabiyallaa Muusaati.
Sheek Qamsare:- Ruuhaanniyyi Sayyida Guuguu irratti hojjisiisaa ture malee maqaa sheeka Guuguu akka hin taane addaan baafannee jirra.
Asaabaan kun jaarraa 7ffaa keessa kitaaba muslimaa biyya Yamaniirraa Itoophiyaa kan galchan yoo ta’u gaarri guuguus maqaa isaaniirraa moggaafame.Isaanis yeroo Baale irraa ka’anii Diida’a qubatan biyyaa Fugug abbummaadhaan akka bulchan aangoo isaanii kennamee ture.Maqaan isaanii kan seeraa yeroo Sanii Nurallaah Ahmad akka ta’e kitaaba bara 1352 Gaangee sadihiin /3/ Adaree Karra Shaniitii bitamee irraa waa’ee seenaa isaaniitii fi awliyoota biro dubbatu irraa hubannee jirra.Akkaataa kitaaba waa’ee seenaa isaanii ibsu irraa hubannutti Sayyinni Guuguu dura biyya Guuguu jedhamtu tana kan bulchaa ture.Amdoo Bulaad kan jedhamuu fi seera awaa shananii kan bulchaa ture yoo ta’u Sayyinni Guuguullee kanumarraa ka’uudhaan haaluma saniin muudaa turan #Amdoo Bulaad gosti isaa Amiinyaa dha.Masgiinni Liilloo gogaa kormaa sadihiin bara 1933tti ijaaramee hanga ammaatti kan jiruu dha.

SEENAA ABAL-QAASIM

Abal Qaasim waliin jaalala akka qabaniif Kitaaba Fatul Habashaa jedhamu irrattis seenaan isaanii kan ka’u ta’uu isaati .Lamaan isaaniituu gabroota Rabbiiti jedhu namoonni nuti dubbifne.

Imaamul Awliyaa:- Jechuun imaama awliyaa/dursaa awliyootaa jedhamanii kan beekkaman Sheekanaa Huseen turan.

Jama’al Awliyaa :-miseensa awliyootaa keessaa nama tokko kan ta’e jechuu dha.

Ayaatal Kursiyyii :- jechuun waan guddaa kan maqaan hin dhayamne ta’uu hubannee jirra. Sayyid Abal Qaasim jechuun nam diimaa faranjii fakkaatu kan dheerinni /hojjiti/ isaa ciqilee 84 ciqilee nabiyyanaa Muussaa ta’e qomti /bal’inni laphee / ciqilee 20 ,faanti miilaa ciqilee 3,gidduun nyaara isaanii akka aduu kan ifu uumama addaati.Teessoon isaanii biyya habashaa keessa.Abal Qaasim gaara dheeraa Naannoo laga waabeetti dhiyaatu.Kan maqaan isaa Daahir /Gooyaa/ jedhamu irra jiraataa ture.Abal Qaasim maqaa biraa Juneeydiis jedhamee ni beekkama goobsii jedhamees ni beekkama.Wanti goobsii jedhameef birmachuu qaba jechuu dha.

Bakka Jama-al-Awliyaa ykn waliigala awliyoota.Awliyoonni sunu budalaya muqabaa’a awliyoota maal jechuu dha?Akiyaraa ,Anawaraa, Rijaalal –geeybigal –aqxaabu –wal Juneeyi raasuhum /itti gaafatamaa jara kanaatiin wal imaamul dhaloonni isaanii shaamii bakka gaara Ziyyii jedhamutti achitti ka rabbiin beeku jedhe.Sheek Muhammad jedhee sheeyni Abbaan Qaasim abbaan qoodaa Juneeydiin sababa eebba nama jaha umriin kiyya dheeratee jedhan.

1.Akaakayyuu kiyya Aadam Aleysalaam

2. Akaakayyuu kiyya Shiiz

3.Abbaa Kiyya Rashiid

4.Haadha Tiyya Diinsaree

5.Akkawoo Tiyya Haadha Naga’aa

6.Akkawoo Tiyya Sayyidanaa. More 👉👉👉Seenaa Ummata Karrayyuu

Seenaa Sheek Qaamsaree

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *