BAACOO
Namicha hiyyeessa tokkotu ture, hiyyeessa ta’uu biraa darbee waan lafa isaa ittiin qotatu hin qabu, kanaaf carraan namicha kanaa sangaa nama bira waliin camadatee qotuudha, Garuu nama waan hin qabneef ofuma isaa bakka sangaa tokko seenee sangaa isaa waliin qotachuu eegale, Gocha kanaas osoo raawwachaa jiruu namni wa'ii isa arguun baay'ee rifatee maal sangaaf sangaatu camadamee lafa qota malee namaf sangaan walitti camadame biyya kamii lafa qota jedhee gaafate, Namichiis akkas jedheen 'kuniis ni darba' jechuun xiiqiidhaan hojjachuu itti fufee tattaaffii cimaa godheen yeroo rakkoo sana keessa dabarfate.
Namichi gaafas arge suniis waggaa muraasa booda deebi'ee dhufuudhaan namicha kana iyyaafataa.. 'namicha baay'ee hiyyeessa tokkoon asitti argee ture kan sangaa dhabee bakka sangaa bu'uun camadame lafa qotachaa ture, namichi sun maalitti ba'e' jedhee gaafatee jennaan 'hin dhageenyee namichi sun nama guddaa ta'ee amma mootiin biyya kanaa isaa bar' jechuun deebiseef. Namichiis dinqisifatee namaa kana argachuun qaba jedhee itti deeme.. Nama kanaas argaatee gaafa akkasii sana sangaa waliin lafa qotuun si argee jedhee itti kaasee jennaan.
Namichi gaafas hiyyeessa har'a mootii ta’e kun ammaas dabaluun 'kuniis ni darba' jedheen.. Yeroo dheeraan booda ammaas namichi kun haala mootii kanaa odeeffachuuf deebi'ee dhufe. Garuu namichi mootii ture sun du'ee mootummaan sun harka fudhatamee awwaalamuu isaa dhaga'a. Namichi kuniis bakka awwaalcha isaa dawwaachuun qaba jedhe dhaqe, yemmuu gahee ilaalu bakka awwaalchaa isaa irrattis 'Kuniis ni darba' kan jedhuuutu barreefamee jira ture.
Haala kaanan namichiis yeroo sana hoo rakkinni sun darbee jireenyi gaarin dhufa jechuu isaatii.. kun immoo maali? jechuun baay'ee dinqisiifachaa biraa deeme.
Yeroo biraa ammas mee bakka awwaalcha namicha kanaan daawwadha jedhee yeroo dhaqu, Bakka awwaalcha namicha kanaarra karaan ba'uun ekeraan isaa kaafamuun bakka biraatti awwaalame arga.
Yeroo kanaa namichi jireenya namaa kanaa haala kanaan daaw'atee kun baay'ee ajaa'ibsiifatuun barumsa cimaa fudhachuun imala isaa itti fufee demaa.. jedhama!!
Kanaaf haalli jireenyaa dhaabbataa miti hardha haalli nuti keessa jirru rakkina fakkaatee nutti mul'achuu danda'a, Haa ta'uu malee boru jireenya badhaadhaatu dhufuu mala.!!
Yeroon Gaddaa kamuu ni darba, Akkasumaas yeroon gammachuu kamillees ni darba.

One thought on “Baacoo Ajaa’ibaa”