Baaroo Tumsaa (1942-1977) sabboonaaOromoo fi qabsaawa mirga namummaa ti.
Baaron kabajamuu mirga Oromootif falmaa kan ture yoo ta'u qabsoorratti lubbuunsaa dabarte.
Seenaa Isaa
Baaroo Tumsaa bara 1942 Lixa Oromiyaa godina Wallagga Lixaa naannoo Gimbii ganda karkarroo jedhamtu keessatti abbaasaa obbo Tumsaa Silgaa fi harmeesaa aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate.
Mararaa Tamam
Abbaansaa fi harmeensaa walitti aansuun du’aan irraa adda baanaan Baaroon obbolootasaa lamaan Raaheel fi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessasaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti isa fidan.
Barnoota Isaa
Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammafaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Waldaa Makaana Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure. Itti aansuudhaan
Yuunivarsiitii Finfinnee seenudhaan barnoota faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hinturiin yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jaaalqabaa fudhate. Baaroon egaa turtiisaa yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa’aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarratti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pirezidaantii ta’uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee
Yuunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa ta’uudhan hojachaa ture.
Qabsoo keessa seenuu isaa
Baroota kana keessatti baay’inni barattoota Oromoo yuunivarsiitii keessatti haa xiqqaatuyyuu malee, warruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal’aansoon barattoota yuunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti ba’uudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis kana qofaaf utuu hintaane, uummanni Oromoo akka inni mirgasaaf falmatuuf karaa baaseera. Baaroon itti fufuudhaan namoota paarlaamaa keessa hojjetanii wajjin wal argee mariyachuun warra akka Maammoo Mazammirfaa wajjin ta’uun Waldaa wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa keessatti mormii fiyuudalizimii baadiyyaa keessattis baballisuun sochii mormii bara 1966 keessa turerratti haala mijeessuun shoora olaanaa taphatera.
Finfinneefi magaalota kanbiroo keessatti yaada ‘lafti qoteebulaaf’ jedhu irratti dargaggoota hedduu gurmeessuudhaan bittaan warra nafxanyootaa akka gabaabbatu taasisuuratti gumaacha guddaa taasiseera. Wallaansoon bara 1966 ka’e kun duula guddina waliin jedhu uumee keessumaayyuu naannoo Oromiyaa keessatti fudhatama argateera. Fudhatama argachuusaatiif sababnisaa Baaroo ture. Baaron goota humna dargaggootaa ijaaruun sirna Nafxanyootaa barbadeessuuf kutatee ka’e ture.
Baaroon bara 1966 barnootasaa erga xumuree booda biiroo eegumsa fayyaatti miindefamee hojjechuu jalqabe. Waajjira kana keessa amma turetti loogii bara dheeraaf mana hojii sana keessaa ture qorachuudhaan qajeelfama ture sana jijjiiree namoota hedduudhaaf bu’aa ta’eera. Sobdootaafi warreen malaamaltummaadhaan jiraatanis qaanessaa tureera.
haala isaa
Haalli Baaro ofi garee hojjetootaa kanaa namoonni itti hintolin Baaroo hojiirraa ariyani. Miindaasaarra ariyatamuun cinatti akka shororkeessituu addaatti fudhatamee tureera. Haata’u malee dabni irratti raawwate kun Baaroon wallaansoosaatti akkanni cimu isa taasise malee dugda duubatti isa hindeebifne. Yeroo mara mootummaan bara sanaa Oromoorratti miidhaa dhoksaa waan taasisuuf, akka sabni
Oromoo walitti dhufanii mariyatan waan hinbarbadneef Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka cufamu taasisaniiru. Kun kan isa gaddisiise Baaroon ummanni Oromoo bakka maree akka hindhabneef Waldaa Dhaaba Dhidheessaa jedhu uume. Mul’anni Baaroo keessaa finiinaa ture sun boqonnaa waan isaaf hinlaanneef yoo isaan karaa tokko cufan inni ammoo karaa biraan mala dhaha malee sodaachisiifamuu mootummaa kanaaf goota hinjilbeenfanne ture. Faayidaalee yeroo qabsoo bilisummaa Oromoof jedhee dhabes homaa tokkottuu hin lakkoofne.
Xumura
Baaroo Tumsaa bara 1964 aadde Warqinash Bultoo wajjin bultii ijaarrate. Aadde Warqinash Bultoo biyya Eertiraa keessatti dirqama loltummaarra utuu jirtuu bara 1982 loltoota amanamoo
Mangistuu Haayilamaariyaamiin ajjeefamte. Aadde Warqinash Bultoo obboleettii jeneraal Demisee Bultoo yoo taatu, abbaanshii obbo Bultoo Ejersaammoo Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti miseensa turani. Cidhi Baaroo Tumsaa Oromoota sadarkaa hojii adda addaarra bakka adda addaarra jiran hundaa biratti haala ho’aadhaan waan kabajameef, diina biratti akka sochii siyaasaatti fudhatamee isaan sodaachisaa ture.Baacoo Ajaa’ibaa
