Bara durii warabessoota shan turan jedhama. Warabessoota shanan keessaa tokko umuriidhaan kan turedha.
Guyyaa tokko warabessoonni kunneen waan nyaatan dhabanii waliin soorata barbaaduuf imala eegalan. Osuma waliin imalaa jiranii saawwaa hallayyaa keessatti kuftee akkatti baatu dhabdee rakkachaa jirtuutti dhufan. Yoo kana warabessoonni waan soorrannu arganne jedhanii gammaduun hallayyaa san marsuun karaa seensaa barbaaduu jalqaban.
Ulaa hallayyaa san isaan seensisu barbaadanii barbaadanii erga dhabanii utaallee seenuu qabna murtoo jedhu murteessuu eegalan. Yoo kana warabessichi isaan keessa umuriin bubbule lakkii utaallee seenuu hin qabnu, utaallee seenuun salphaadha.
Garuummoo erga saawwaa kana nyaannee findhe achi keessaa ba'uutu ulfaataa waan ta'eef, hallayyaa kana seennee soorrannaa kana fayyadamuurra nyaata biroo deemnee barbaaduu qabna jedhee warabessoota arfan gorsuu yaale.
Warabessoonni arfan kunneen baay'ee beela'aniiru waan ta'eef, gorsa manguddoo isaanii dhaga'uu diduun hallayyaa saniitti qixxaa'uun saawwaa san nyaachuu eegalan.
Waraabeessi manguddichi maal ta'e
Manguddoon warabessichaa hallayyaa sanitti nam'uu isaanii erga mirkaneeffate booda qofaa isaa soorrata isaa barbaaduu itti fufe. Innis nyaata argattee erga quufee booda gara mana isaatti deebi'uuf daanduma dura irra dhufe irra deebi'ee galuuf osoo deemuu hallayyaa san irra ga'ee yoo gad ilaalu warabessoonni arfan sun manguddicha ol ilaaluun agarteere ququufnee ciciisaa jirtaa jedhaniin. Manguddichis akkas taanan baay'ee bayeessa jedhee bira darbee gale.
Ammas manguddichi borumtaa isaa daanduma san irra soorata barbaaddachuuf osoo imalaa jiruu warabessoota arfan hallayyaa keessa jiran sanitti goree yoo gad ilaalu arfan isaaniyyuu hallayyaa keessa akkatti ba'an dhabanii rakkachaa akka jiranii fi soorrata dhabanii baay'ee akka beela'an hubate.
Warabessoonni arfan kunneen manguddicha asii ol ilaaluun ati dura nutti himte mee amma waan nyaannu dhabnee beela'an dhumaa jirra maal nuuf wayya jedhanii mala gaafatan. Manguddichis amma homaa gochuu hin dandeessan waan ta'eef, sadii ta'aatii tokko nyaadha jedhee biraa kute. Isaanis sadii ta'anii tokko nyaatan.
Ammas guyyaa biroo manguddichi daanduma san irra nyaata isaa barbaaddachuuf osuma deemuu warabessoota sadan hafaniitti goree yoo hallayyaa keessatti gad ilaalu warabessoonni kunneen beela'anii waan nyaatan dhabuun du'aaf jireenya keessa jiraachuu hubachuun akka isaan lama ta'anii tokko nyaatan itti himee deeme. Akkuma ajajamaniitti lama ta'anii tokko nyaatan.
Akkuma baratame guyyaa itti aanus manguddichi soorrannaa isaa barbaachuuf daanduma dura irra deemu irra dhufuun hallayyaa san gubbaa ga'ee yoo gad ilaalu warabessoonni lameen hafan mala fi fala dhabuun beelaan coollaganii holqatti nam'anii ciciisan argee mee amma maal isiniif wayya jedhee gaafate.
Xumura
Warabessoonni kun lameen maal goonaree isin mala nuuf himaa malee nutti homaa gochuu hin dandeenyu jedhaniin. Manguddichis egaa amma falli biraa waan hin jirreef, abbaan dandeessan/humna qabdan wal nyaadha jedhee soorrata isaa barbaaddachuuf biraa deeme.
Warabessoota lameen keessa kan humna qabu tokko nyaate.
Manguddichi guyyaa biroos daanduma san irra deebi'ee yoo dhufu hallayyaa san keessa warabessa tokko qofaatu jira. Warabessichi hallayyaa keessa jiru ol ilaalee egaa amma ana qofaatu hafee maal naaf wayya jedhee gaafate. Manguddichis "hima diduun du'a hin didduu taa'ii du'a eeggadhu." jedheen jedhama.
Dur durii kana irraa waanti barannu jechi ana malee jedhu,booddeen isaa badii akka ta'e nu hubachiisa.Qarooma Boorana; Beeka Ganamaa, Beekkamtii urjii fi moggaasa maqaa

One thought on “Oduu Durii waraabeessaa fi sa’aa”