contact@domain.com
AddisAbeba Ethiopia
Request a Quote
Seenaa Mooticha Abbaa Jifaar
Home » Uncategorized  »  Seenaa Mooticha Abbaa Jifaar

Seensa

Jalqaba jaarraa 18ffaa irraa kaasee bulchiinsi

mootummoota shanan Gibee lixa biyyaattii keessatti sirna

mootummaa cimaa hundeessuun sadarkaa addunyaatti

beekamtii argatanii turaniru.

Sirna mootummoota shanan Gibee kanaan kan waamaman

mootummoota naannoo jimmaa turan mootummaa -

LIIMMUU INAARIYAA , GUMAAY, GOOMMAA, JIMMAA fi

GEERAA turan.

Mootummoota shanan Gibee kana keessaa Mootummaan

Liimmuu Inariyaa isa jalqabaati Naannoo bara 1800 akka

hundeeffame kan himamu mootummaan Liimmuu Inariyaa

yeroo sanatti mooticha duraa Buufoo Buukkootiin naannoo

Liimmuutti seera mootii cimaa ta’een buluu eegale.

Mootummaa Liimmuu kanatti aansuun bara 1802 keessa

oromoonni naannoo gumaay jiran akkumma mootummaa

Liimmuu Mootummaa Gumaay hundeessuun sirna mootiitiin

bulu akka eegalan seenaan ni hima.

Wol-duraa duubaan itti aansanii Mootummootiin Goommaa,

Jimmaa fi Geeraas naannoo jaraatti mootummaa

ammayyaa hundeessuun sirna mootii cimaa ta’een of-

bulchaa turaniiru.

Mootummoota Shanan Gibee kana keessaa biyya keessaaf

guutuu addunyaatti beekamtii olaanaa kan argateef sirna

siyaasaa dinaagdeef hawaasummaaf dipilomaasii cimaa

uumuun bulchiinsa ammayyaa diriirsuun kan beekamu bara

1830 keessa kan hundeeffame mootummaa Jimmaati.

Keessumattuu Sirni Mootummaa Jimmaa gama hundaan

beekamtiif dinqisiifannaa cimaa kan horate bara mootii

Jimmaa 4ffaa Mohammad Bin Dawud(Abbaa Jifar Abbaa

Gommol) ture.

Itti fufees:

Abbaa Jifaar Abbaa Goommol ilma mootii Jimmaa duraaniiAbbaa Gommol yoo ta’ani, angoo mootummaatti kandhufan du’a Abbaa isaaniitti fufuun bara 1878 umrii isaaniiwoggaa 18ti ture.Abbaa Jifaar muudama mootiitti erga dhufanii boodaMagaalaa Jimmaa irraa gara kaabaatti kiilomeetira 7 irrattinaannoo Jireenitti kan argamtu Masaraa Mootii Jimmaasadarkaan olaanaan ijaaruun seeraaf ittii bulmaatauummataa cimsuuf ammayyeessuun geggeessuu jalqaban.Abbaan Jifaar erga angoo mootummaati dhufanii boodamootummaan Jimmaa uummata naannoo Jimmaa bulchuuqofaa akka hintaanefi haala qabatamaa addunyaan irragahe gara jimmaatti babali’suun hariiroo addunyaa woliinqaban cimsuu akka ta’e uummata hubachiisuu jalqaban.Kana irra darbee sadarkaa addunyaatti hariiroo cimaauumuun wixinee siyaasaaf dinagdee ammayyaa baafatanii qaroomina addunyaa gara jimmaatti fiduudha. Kanuma irraa ka’uudhaan mootoota naannoof sadarkaaaddunyaa irratti argamanuu woliin hariiroo uumuuf karooraaddaa baafatanii hojjechuu jalqaban.Mootoota Addunyaa woliin wolitti dhufeenya uumuu kanfedhaniifis jireenya uummata Jimmaa ammayyeessuufakkasumas sirna mootummaa ammayyaa diriirsuunaddunyaa wolin wolitti makamuuf fedhuu irra ka’uun akkaturebeektoonni seenaatiif barreeffamoonni adda addaa nimul’isu.

Biyyoota inni wajji hariiroo uummate

Biyyoota kan akka Turkiy, Arab, Indiyaa, Misirif kan kanafakkaatanuu wojjin hariiroo cimaa uumuun barsiisoota biyyaalaa qacaranii afaan Arabaaf Afaan Ingilizii barachuun hojiiisaanii isa jalqabaa ture.Kanumatti aansuun biyyoota kana woliin hariiroodipilomaasii uumuun akka jarri ogeessoota jaraa garaJimmaatti erganii ogummaa harkaa barsiisan gochuujalqaban.Ogeessoota biyya Indiyaa biyyatti fiduun uummata Jimmaameeshaalee mukaaf sibiila irraa hojjetaman akka barsiisangochuu jalqaban.Keessumattuu Ogeessoota biyya alaa yoo fidan kan isaancimsanii akeekachiisaa turan Jimmaan qabeenya bosonaanbadhaatuu waan taateef gosoota mukaa adda addaa irraameeshaalee manakeessaa dabalatee itti fayyadama addaaddaa muka qofa irraa hojjechuun akka itti fayyadamanakka barsiisaniif ture.Ogeessoonni biyya alaa kuniis uummata Jimmaameeshaalee qonnaaf itti fayyadama mana keessaaf alaahunda tolaa akka baratu gochuun jijjiirama guddaa fidan.Bu’urri yeroo sana Abbaa Jifaariin ka’ame hangayoonaallee magaalaa Jimmaaf Naannoo isheetti bal’inaannimul’ata.Meeshaaleen mana keessaa muka irraa hojjetamanbal’inaan kan gurguraman Ithiyopiyaa keessaa MagaalaaJimmaa ti.Masaraan isaanii guutumaan guutuutti kan ijaaramesoomisha mukaatiini.Masaraan Abbaa Jifaar kun kan bu’ureeffame bara 1870keessa ta’us , qarshii Maria Theresa 65000 fi kennaaworqee kiiloo giraama 400 ta’utu itti baasuun masaraamootii sadarkaa isaa eeggate godhanii kan ijaaran AbbaaJifaar Abbaa Gommoli.

Marsaan biraa:

Masaraan kun yoo ijaaramu kutaa 28 ol kan qabu yeroo ta’u, kutaa Keessummaa, Kutaa Dhaddacha murtiin seeraa ittigeggeeffamu, Masjiida dhiiraaf dubartii akkasumas kutaaitti qara’anillee kan of keessaa qabuudha.Balbala Masaraa kanaa irratti barreeffamni afaan arabaatiin barreefame akkas jedha`` ABBAA JIFAAR -SULTANMOHAMMAD BIN DAUD GARBICHA RABBII AL 1000``jedha. kun kan mul’su abbaan Jifaar soda rabbi kanqabaniif mootummaan isaaniis haqa irratti kan hundaa’eta’uusaati.Mootichi Abbaa Jifaar Masaraa isaanii kana kessatti kan ittifayyadaman kan akka Teessumaa, Siree ciisichaa,Sandauqa, Gabataan soorataafi meeshaaleen itti fayyadamanhundi mukarraa kan hojjetamaniidha. Meeshaaleen kunhanga yoonaalle muuziyemii Jimmaa keessatti ni’argamu.Hariiroon Abbaa Jifaar Biyyoota alaa woliin uuman magaalaa Jimmaa Afriikaa keessaa bakkadaldalli guddaanbal’inaan itti geggeeffamu godhee ture.Sirna bulchiinsa Mooticha Abbaa Jifaar kanaan gamahundaan guddinni Jimmaa sadarkaa olaanaa irra gaheeture.Mootoonnif Daldaltoonni biyyoota alaa mootootaIthiyophiyaafi mootoota afriikaa bahaatti argaman caalaahariiroo cimaaf wolitti dhufeenya daldalaa kan qabanmootummaa Jimmaa woliini.Daldaltoonni biyyoota addunyaa gara garaa irraa dhufanmagaalattii keessaa bakka Hermaataa Jedhameewaamamutti wolga’uun daldala ho’aa geggeessaa turaniiru.Daldaltoonni kun meeshaalee sibiilaa, Faayaa adaa addaaakkasumas omishtoota worshaa fiduun bakka ittigurguratan yoo ta’u, achumaanis meeshaalee muka irraahojjetaman , Dibata oomishaa xirinyii irraa hojjetamaniifbuna illee bituun kan deebi’an ture.Bara Mootii Abbaa Jifaar Jimmaan gaanfa Afriikaakeessatti Asmaraatti aanuun giddu galeessa daldalaafmagaalaa ho’itu akka turte ni himama.Kunimmoo hariiroo Abbaan Jifaar sadarkaa addunyaattiuumanirraa kan ka’eedha.Abbaa Jifaar Abbaa Gommol Bulchiinsa ammayyaafdinaagdee Jimmaa ol guddisuuf ilaalcha qaban irra kandarbe amantaa isaaniitiifis xiyyeeffannoo olaanaa kennaaturaniiru.Rakkinaaf acuuccaa amantaa biyyattii iddoo adda addaairra ture irraa ka’uudhaanis hordoftoota amantaa Islaamaaiddoo adda addaatii dhufanuuf Jimma da’oo turte.Yeroo sanitti sirna hajiif hordoftoonni amantaa Musliimaagara Makkaa deemuuf ji’oota ja’aa ol itti fudhataa ture.Kanuma kan hubatan Abbaa Jifaar hordoftoonniamantichaa rakkinaaf akka hinsaaxilamneef mootummaaSaaudii woliin dubbachuun naannoo Jimma qofa osoointa’in biyyattii iddoo adda adda addaa irraa musliimootagarasitti imalaniif gamoo guddaa Makkaa, Saudii Arabiyaakeessatti ijaaruuf murteessan.

xumura

Woggoota sadiif qarshii erga wolitti qabanii booda qarshiiyeroo sanii Maria Theresa 7500 oliin gamoo sadarkaasaaeeggate makkaa keessati ijaaruun musliimoonni Hajiifdeeman tolaan akka keessa qubatan gochaa turaniiru.Qarshiin ijaarsa gamoo kanaaf bahe tilmaama yeroosanaatiin qarshii guddaa ture.Sirni bulchiinsa Mootii Abbaa Jifaar gama siyaasaatiinisdimokraatawaaf kan iftooma qabu akka ture ni himama .Abban Jifaar uummata sadarkaa hunda irra jiru hundawolqixxumman ilaalun bulchaa kan turaniidha.Sirna siyaasa ammayyaa irrattis biyyoota qarooman addaadda woliin muuxannoo wol jijjiiraa akka turanillenihimama.Murtee bulchiinsa keessatti dabarsanillee haqaqabeessummaa isaa mirkaneessuuf gorsitootaafideeggartoota uummata keessaa filataman nama 7 akkaqabaniidha kan himamu.Bulchiinsi mootummaa Jimmaa haala ammayyaatti ce’eejijjiirama siyaasaaf diinagdee galmeessisuu yeroo jalqabe kanatti bulchiinsa isaa gara kibbaattibabali’suuf Miniliikweerara bane.Weerartoonni nafxanyaa uummata Oromoo bakka addaaddaa Jiraatu irratti lola banee woraana keessa seenee kanture yoo ta’u akka Oromoota iddoo kaanii WoraanaMooticha abbaa Jifaar woliin lola keessa hin seenne.Kunis sababa adda addaatiin akka ture seenaan ni mul’isa.Sababni inni duraa Mootichi Abbaa Jifaar woraana keessayoo seenan badii cimaa qaqqabsiisuun seenaa fi qaroominaJimmaa nibarbadeessa jedhanii waan hubataniifMootummaa isaanii bulchaa kallattii barbaachisuun Miniliikwoliin hojjechuuf yoo ta’u.Inni biraa ammoo Qaroominniif bulchiinsi siyaasa ammyyaaJimmaa barumsa cimaa naa ta’a jedhee waan amaneefMiniliik humnaan mootummaa Abbaa Jifaar dhuunfachuuhin barbaanne.Kanuma irraa ka’uudhaan Miniliik iddoowwan adda addaaweeraraan of jala galchee mootummaa isaa yoo diriirsuGibira adda addaa gaafachuurra kan darbe Sirna SiyaasaJimmaa tuquu hin feene.Abbaa Jifaar bara 1926 du’aan addunyaa kana irraaboqotan. Yeroo kanatti weerartonni Xaaliyaan gara biyyaattiduulaa waan turaniif Mootiin Hayilasillaasee uummatadhaamsa erguun woliin tokko ta’anii akka diina qolatangaafatan.uummatni Jimmaas du’a mooticha Abbaa Jifaar boodamootii biraa osoo hinfilatin hafe. Kanuma irraa ka’uunJimma sirna Siyaasa giddu galeessaatiin akka bultuufmurteessuu isaaniitiin Sirni mootummaa Jimmaa diigame. Ilaalchi fi dandettiin bulchiinsaa Abbaa Jifaar yeroo sanaqaban yeroo ammaa kanalle iddoo heedduutti hin mul’atu. inni biraas

Seenaa Mooticha Abbaa Jifaar

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *