Seenaan Waa'ee Lola Aanolee Maal Jedha?
Weerarri Arsii irratti eegalame Lola calanqoo dura ka jal qabame ta'ullee Kan Xumurame garuu Calii calanqoo booda. Weerarri ka Jalqabame Bara 1881 Keessatti. Minilik Arsii gabroomfachuuf Lola Waggaa 6 adeemsiseen Oromoota 100,000 ta'an fixee jira. Lola fuulbaana 6 Bara 1886 taasifame qofaan Oromoonni 12,000 ta'an wareegaman.
Miniliik maal irratti dalage?
Diinni ummata Oromoo Minilik ummata lolaan cabsuu dadhabnaan dhibee Gifir (Small-Pox) jedhamu Uffatatti godhuun biyya Keessa facaasee, Loon isaaniillee dhukkuba biyya Oromoo hin jirreen Akka qabaman gochuuf biyya Keessa facaasee. erga dhibeen namaaf Loon mancaastee booda ummata laafe Humna waraanaatiin irra aane. Oromoo Arsii weeraruu ka eegale jidduu Muddee Bara 1881tti. waggoota 1881--1887 kana gidduutti Lola gurguddaa 6 adeemsise. Lolli maayyii/ ka Xumuraa ka Minilik Oromoo Arsii irratti geggeesse Raas-Daargee Sah'la-Sillaaseetiin (Abbeeraa Minilik) durfame, bakki Lolli kun itti geggeeffame "Azuulee" jedhama. bakka Azuulee jedhamu kanatti humni Abbaa irree Minilik mirga argatee ka Moohe yoo ta'u, garuu Oromoon Arsii guyyaa san irraa kaasee mirga Abbaa biyyummaa dhabee kolonii Habashaa jala gale. injifannoo isaanii Kana diinonni Oromoo geggeessitoonni Sirna Nafxanyaa hundi Bara Minilik irraa kaasee hamma warraaqsa ummattoota itoophiyaa Bara 1974 tti osoo addaan hin kutin kabajaa turan.
Raas-Daargeen ummata akkamitti walitti waame?
Maayyii irratti Raas-Daargeen haaloo bahuuf jecha Maqaa araaraatiin ummata walitti yaame. ummannis rakkinnatu nu mudata osoo hin jedhin dhugaa sehuun waamicha fudhachuun harka qullaa dhufan, Raas-Daargeen garuu ummata Hulluuqqoo/ karaa xurree Xiqqoo qal'oo taate Keessa tokko tokkoon akka bahu taasisuun nama kuma sadii ol (3000) caalu irraa dhiira harka mirgaa dubartii harma irraa mure. Namoota garii Qaama saala Akka Lamuu hin horreef jecha irraa muruunis argamee jira.harkaaf harma muran kana morma isaanii irratti rarraasuun dhiiga roobsaa mana isaaniitti deebi'an. garii immoo olaantummaa fii gootummaa loltoota Minilik garsiisuuf mukkeen Naannoo san jiru irratti fannisan. bakki Diinni Oromoo itti akkana godhe kun Godina Arsii, Aanaa Heexosaa, Magaalaa itayyaa biratti argama. Yeroo jalqabaatiif Bara 1991 yaadannoo harkaaf harma muraa Aanolee bakka bakka bu'oonni dhaabbilee Oromoo fi ummanni Oromoo kumaatamatti lakkaawamu argametti Aanolee irratti kabajamee ture. Kabaja san irratti Obbo Nadhii Gammadaa fi Obbo Haayiluu Daargee Gammadaa argamanii jiru. Obbo Nadhii Gammadaa Haasawa seena-qabeessa dheeraa taasise bara san.
Akka Isheetuu Irranaa Dibaabaa Barreessetti:
Oromoonni Meeshaa Aadaa Eeboo, Albee fi k k taniin uf irraa ittisaa turan. Lola guyyaa tokko Keessatti tarkaanfii diina irratti fudhataniin loltoota Minilik 700 tahan fixanii kaan ari'anii jiran. Lola kana Keessatti waraannni minilik marroo jahaaf moo'amee torbeessootti injifannoo gonfachuu danda'e.Lola Bara 1883 Keessatti Minilikiif Oromoo Arsii gidduutti geggeeffame Keessatti Minilik Akka malee moohamuun dheessee Lubbuu isaa akka baafatee fi Farda isaa Gootichi Oromoo #Leenjisoo_Diigaa Mogolee Muruun Minilik miilaan Lafarra ari'uu seenaan Ragaa baha.
Xumura
➡️ Seenaa faashistummaa harkaaf harma muraa Aanolee kana har'allee harcaatuun Nafxanyootaa Barumsa sadarkaa guddaa barataniif Kan barnoota hin qabnelleen Alaaf Keessaan harkaaf harma muraa wanni jedhamu Kijiba malee Minilik cubbuu akka kanaa hin hojjanne jechuun olola hafarsu. Lolli biyya Oromootiif ummata kibbaa irratti Minilikiin geggeeffame waraana qulqulluu Minilik Sirrii hojjate jechuun Lafee cabde gubbaa dhaabbatanii baldan/Qoosan. harfiixoon Nafxanyaa gariin isaanii lolli kun tokkummaa itoophiyaatiif Waan ta'eef homaa hin qabu jechuun nutti qoosan.garuu tokkummaan caba Lafee gubbaa dhaabbatanii qoosaaf sobaan dhuftu hin jirtu. DABALATA
