contact@domain.com
AddisAbeba Ethiopia
Request a Quote
Haaji Abbaa Luleessaa Abbaa Gibee
Home » Seenaa gootota oromoo  »  Haaji Abbaa Luleessaa Abbaa Gibee

Seensa

Goota Kilomeetira 2000 ol qaxxaamuruun lola Adwaa irratti faashitoota Xaaliyaanii biyyaa baasan!! Haaji Abbaa Luleessaa Abbaa Gibee

Gugguu Haaji Abbaa Luleessaa Abbaa Gibeen ilma gootaa, Haaji Abbaa Luleessaa Abbaa Gibee yemmuu ta'an Magaalaa Aggaaroo jiraatu.

Goota hundeessitoota Maccaaf Tulamaa keessaa isaan tokko, Haaji Abbaa Luleessaa Abbaa Gibee (Abbaa Luleessaa Innaangiyaa) jedhamu, kan dhalatan aanaa Gommaa ganda Gemaa Maahee jedhamutti akka ta'e Obbo Gugguun himaniiru.

Gootummaan Abbaa kooti dhaala kan jedhan Obbo Gugguun,akaakayyuun koo Giraazmaach Abbaa Gibees lola Adwaa irratti akka hirmaatanis turtii Kominikeeshinii Magaalaa Aggaaroo waliin taasisaniin dubbataniiru.

Haaji Abbaa Luleessaan barnoota amantii kan baratan Muftii Bottoo jedhaman irratti ture.Gosti isaanii Innaangiyaa jedhama.Abbaan Luleessaa goota akka Balaay Zallaqeef Janaraal Taaddasa Birruuti.Abbaa isaanii Nafxanyootatu ajjeese.Abbaan Luleessaa gumaa abbaa isaanii umurii waggaa 12tti baasan.

Abbaan Luleessaa Nafxanyoota waliin lola hedduu adeemsisaniiru,kanneen keessaa bara Minilik akkasumas bara faashistoota Mootummaa Hayilasillaaseefi Dargii fa’a ture.

Lola waliinii Daangaa Jimmaa fi Gomma jidduutti adeemsifamaa ture keessattis daangaa Gommaa nama kabachiisaa turaniidha. Lolli Gommaafi Jimmaa jidduutti ta’e naannoo Haroo bakkee Abbaa Booraa jedhamutti yoo ta’u, bakka Qotaa jedhamutti adeemsifameera jedhama.

Bokkuun Gommaa kan du’an lola kana irratti akka tu’e dubbatama.Qottaan kun akka himamutti bakka lolli mootummaa Gommaafi Jimmaa itti gaggeeffamedha.

Geppa Geppoo sadanii jedhamees ni beekama. Yeroo ammaa daangaa aanaalee lamaanii ta’ee hafee jira. Gara Guumaatiinis akkasuma daangaa irratti wal-dhabbii ture Abbaan Luleessaa walii galtee uumuun daangaa Gommaa egsisaa turan.

Abbaan Luleessaa lola Adwaa lolaniiru. Gootota jajjabboo biyyaa kannneen akka Giraazmach Abbaa Saambii, Abbaa Didhaa A/Booqaa, Abbaa Boor Abbaa Fooggii, Garmaamaa Eebbaa, Wodaajoo Daanyoo, Gurmeessaa Eebbaa, Dhugumaa Nagawoo, Jimaaloo Jaarsoo, Golbee Qaalloo, Bayyanaa Darsee, Abbaa Fiixaa Abbaa Gannuu, H/A/Lulleessaa A/Baagiboo, Abbaa Dinkaa A/Laaftoo,Fiitawuraarii Abbaa Diiduu Abbaa Buushan fi kanneen biroo waliin ta’uun faashitoota Xaaliyaanii biyyaa baasaniiru. DABALATA

Haaji Abbaa Luleessaa Abbaa Gibee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *