contact@domain.com
AddisAbeba Ethiopia
Request a Quote
Teediroosifi dalagaa isaa
Home » Uncategorized  »  Teediroosifi dalagaa isaa

KUTAA 2FFAA


Adeemsa bara sanaa keessatti Teewdiroos mootittii Ingilizii Viktooriyaa irraa gargaarsa meeshaa
argachuun, lafa Oromoo walloo qabachuuf baroota 1960 keessa sochii taasiseen, ummanni
Oromoo Walloo wal ijaaruun itti duulee ofirraa dhorkaa akka ture ni himama. Sagantaan jala
deemtotaaf ilmaan habashaa baafatanii socho’an yoo amantaa Kiristaanaa fudhachuu dide
ajjeessuuf saamuu, yoo afaan Amaaraa dhiisee afaan biraa dubbate arraba muruuf yakkoota
suukanneessu irraan gahuun daangaa bal’ifachuu kan jettu akka ture ifaadha. Kana gaafan kaasu
sagantaan habashootaa wal fakkaataa akka ta’e akka ummanni keenya hubachuu qabuufi.
Teewdiroos Ilma habashaa Oromoo irratti yakkoota hamaa raawwataa tureedha. Yakka isaa
kanaan ilmaan Oromoo hedduun araddaaf qabeenya dhabaniiru.

Dabalataan:

Qe’een Oromoo hedduus
saamameera. Ajjeechaa suukanneessaa inni Oromoo irratti godheen, Kitilaan ilmaan Oromoo
biyyoon qorkee nyaateera. Ilma habashaa dhiiga Oromoo buusuutti boqotu kana kanneen faarsan
jiraatanis, yakka isaa kaleessaan hambaan ilmaan kaleessa inni qaama saalaaf morma, harkaaf
miila muree abiddatti darbaa tureen ni kulkulfanna. Teewdiroos gara jabeessa yakkamaa sanyii
namaa balleessaa tureedha. Oromoo akka namatti ilaalee kan hin beekne yoo ta’u akkuma
bineensatti ilaalullee garaa laafeefii hin beeku. Ilmaan Oromoof cunqurfamtoota kaawwan
Kumaatamaan lakkaahaman ukkaanfamanii fannifamanii gaafa du’an nama gammadu ture.
Sagantaawwan isaa kiristaanummaa babal’isuuf sirna habashaa ijaaruu keessatti ilmaan Oromoo
jaarsa, jaartii, da’imaaf guddaa, dhiiraa fi shamara Oromoo walitti qabnee
abiddaan gubee Qileetti nama darbataa kan ture ta’uu seenaan ni raaga.more👉👉👉👉TEEWDIROOSII FI DALAGAA ISAA

Teediroosifi dalagaa isaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *