Seensa
Warreen maqaa Harargee je'u kanaatu ummata baha Oromia tokkoomsee yoo maqaa kuntuqame tokkummaa keenyaatu bada je'anii amananiif kunoo seenaa kana jabaa jennee itti dhiyaadhaa.Alaa fii ItuuBarreessaan seenaa Harris william woggoota 181 dura (1841) seenaa barreesse keessatti Alaa fiiItuun adda addaan akka jiraatanii fii yoo rakkoon jiraate immoo diina waloo irratti akka waliinduulan ykn qabsaawan ifoomsee ture. Harris william waanuma yeroo dhufe arge barreesse maleeHariiroon Alaa fii Ituu jidduu ture gaafasuma (1841) jalaqabe jechuu miti.
Bareentuma
Seenaa Araboota, Habashoota fii Faranjoonni barreessan hedduu keessatti dur Booranaa fiiBareentumni akka maqaa gosaa tayee fii ilmaan bareentoo akka bareentuma maqaa je'u kanaanbeekkaman ibsa. Fakkeenyaaf Masriin wanni hogganoota Afran Qal'oo fixxeef1, Aadaa Bareentummaa dhiisaa2, maqaa caasaalee bulchiinsa sirna gadaa dhiisaa keenya fudhadhaa3, Hoodaa dambooba bareentumaa dhiisaa dha.Kana keessaa wanni baratumu adda addaan gadaa qabaatanis Ilmaan bareentumaa hundinuu(Karrayyuu fii Arsii dabalatee) akka ilmaan gosa takkatti akka uf ilaalaa turan addeessa.
Abbaadhoo fii Ituu
Bara 1890 irraa kaasee beela hamaa ABAAR ITUU je'amee beekkamuutu ture. Namni gaafa sanqe'ee isaarraa baqate diida Abaadhoo keessatti dandamatee biyyatti deebi'e. Abaadho keessattijiraatan, beela bayanii balaa bara hamaa sanirraa dandantamatan. Kanumaaf jecha Ituun yooqaadhimaa teessan intala boru fuudhuu deemtan Abbaadho Harka qabe harkatti hin qabinaa je'eedhaamsa abbu torbaa dhalootaaf dabarse. Ani warra dhaamsa ekheraa kanaan waliin guddatekeessaa tokko waanan tayeef dhugaa kana himuun qaba.
Alaa fii Carcar
Alaa biyya Ituu, Carcar ykn Harargee lixaa ammaa gaafa galu1, Dur baroota fagoo keessa meettaan Ituu wajjiin hararoo seenaa dheeraa qabaachaa waantureef2, Abbaadhoo fii Ituu idduu hariiroon senas qabeessi olitti ibsame waan tureefOdoo gosa ituu takkallee wajjiin raada moggaafatuun isa hin barbbaachisin akka Alatti jiraateegaafa gosti heddummaatu Damiina godhatee (Filatee) buluu eegale.
jaarsoofi Ituu
Jaarsoon gaafa godaanee biyya ituu galu lakkoossi nama jaarsoo ituu keessa qubatuu xiqqaawaan tureef Gaadullaa waliin raada moggaafate dhiga isaa ittifataa ture. Haala san keessattibalaan jaarsoo irra gawu hundi akka Ituu gaadullarra gayetti laalama ture.Noolee fii ItuuNooleen akkuma Jaarsoo gaafa Carcar (Harargee lixaa ammaa) dhufu humna xiqqaa waan tureefgosa Ituu keessaa waayyee wajjiin raada moggaafatee dhiga isaa itiffachaa ture . Isaanis gaafagosti Noolee heddummaattee carcar seentu daamina isaa filatee addatti dhiiga isaa itiffateejiraachuu eegale.Hariiroo seena qabeessa fii hariiroo obbolummaa kan Ootaa-dhaloota kana caalaa maqaa bara1943 Haile sellaaseen nutti moggaase kanaatu tokkummaa keenya tissa je'anii warreen yaadandhugaa hadhaawaa kana liqimsuu qaban. DABALATA 👉👉👉👉Iddoo seenaa Dahannoo Azuulee!!
