contact@domain.com
AddisAbeba Ethiopia
Request a Quote
Seenaa Gooticha Oromoo Oliiqaa Dingil
Home » Seenaa gootota oromoo  »  Seenaa Gooticha Oromoo Oliiqaa Dingil

Seensa

Seenaa Oliiqaa Dingil

Oliiqaa Dingil lammii Oromoo yoo ta'u, ummata Oromoo naannawa Qeellem Wallaggaa keessajiraatu jidduudhaa kanneen hidda ja'an Sayyoo warra Laaloorraa dhalate. Qorannoon seenaahangaa har'aatiin maqaa hadhaasaa beekuun danda'amu baatus maqaansaa guutuun OliiqaaDingil Bookaa jedhama.

Seenaasaa Ijoollummaa

Bakki dhaloota gooticha Oliiqaa, Qeellem Wallaggaa keessa Yamaaloogii Walal, Ganda GurraattiiWalal, bakka Deentaa Garee jedhamu. Barri dhalootasaa sirriitti qoratamee beekamuu baatusnamoota bara sana beeku jedhamanirraa akka himametti, tilmaamaan bara 1890 ta'uu akka hinoole dubbatama.Oliiqaa Dingil mana barumsaa qeesotaa /lubootaa/ galee akka barate seenaansaa nimirkaneessa. Erga guddatee umriinsaa hojiif ga'ee booda bara bulchiinsa Hayilasillaaseemootummaadhaan mindeeffamee hojjetaa ture. Ga'een hojii goota kanaas gabaarra naanna'eeashuura mootummaa walitti qabu ture. Gabaa hedduu inni irra naanna'aa ture keessaa gabaanAshii, Muggii, Shabal, Qaaqeefaan ni eeramu. Bakki jireenyaasaa magaalaa Dambii Doolloo,Ganda 03 keessa akka ture odeeffannoon jiru ni ibsa.Oliiqaan, dubartii maqaanshee Gannatawarqi Ashanaa jedhamtu Gidaamiidhaa fuudhee jiraachaature. Walumaagalatti Oliiqaan lammii nagaa namaa fi biyyaaf yaaduu fi quuqamu yoo ta'uamalasaa kanaan ummata Oromoo biratti hedduu jaalatama ture.

Qabsoo

Caamsaa 23, bara 1929 wayita koloneeffattoonni Xaaliyaanii Itoophiyaa humnaan weeraraniiqabatanitti waggaa tokko booda dhiibbaa koloneeffattoonni kun ummatarraan gahaniin mormeebosona seene. Gocha Xaaliyaanonnii fi sirni gita bittaa Nafxanyootaa ummata biyyattii keessajiraatan irratti keessumaa Oromoorratti raawwachaa turanirraa kan ka'e haalli jireenyaa, aadaa fisafuun ummatootaa baduu jalqabe. Wayita sana Xaaliyaanonni lammiilee Itoophiyaa tokko tokkoofitti madaqsuudhaan maqaa "Baandaa" jedhamu itti moggaasuun duuka buutuusaaniitaasifachaa turaniiru.Xaaliyaanonni baandota kanneenirraa odeeffannoowwan gara garaa argataa, akkaturjumaanaattis itti gargaaramaa turaniiru. Gochi baandotaafi Xaaliyaanotaa kun Oliiqaa qofa osoohinta'iin namoota saba isaanii jaalatan hunda kan aarsu ture. Gochi suukanneessaan ummatarrattiraawwatamu yeroodhaa gara yerootti babal'achaa dhufuusaarrayyuu roorroon haadha warraaOliiqaa Dingil, Aadde Gannatawarqi /Moominaa/ Ashanaarra ga'eera jedhamu aarii Oliiqaanduraanuu qabu akka dabalu taasise. Kana malees gaaf tokko baandaa Xaaliyaanii kan turenamichi Baashaa Gabayyoo Waldee fi Oliiqaan otuu Amaariffaan haasa'anii Baashaa GabayyoonOliiqaa Dingil akka tuffiitti jecha Oromoon jedhamuu hin feeneen arrabsa.Guyyaa biraammoo Baashaa Gabayyoon namicha Dhaabaa Maashaa jedhamu wajjinwaliigaluudhaan Oliiqaan qarshii ashuuraa walitti qabe dhimma dhuunfaa irra oolfateera jechuunodeessisiisuurra darbee hoogganaa Xaaliyaanii yeroo sanaatti hima. Oliiqaan qawwee dhokfateeqaba jedhees yakke. Odeeffannoo kanarratti hundaa'uun Xaaliyaanonni Oliiqaa qabanii manahidhaa galchan. Oliiqaan halkanuma sana mana hidhaa cabsee ba'uudhaan, bakka dhalootasaaDeentaa Garee dhaquudhaan qawwee Beeljigii 2fa jedhamu bitatee Dambii Doollootti deebi'e.

itti dabalee:

Halkan gaaf tokkoo Baashaa Gabayyoo ajjeesee, gara mana Baashaa Gabayyoos dhaqeehaadha warraa Baashaa alatti baasuun, "Ati dhirsa kee dhabda, ani immoo haadha warraa koondhabe" jechuun du'a abbaa warraashee itti himee manicha qabeenya keessa jiru waliin gube. Ittiaansee, namicha Dhaabaa Maashaa jedhamummoo Gabaa Dafinoo /Dambii Dolloo/ keessattiajjeesee, "Anatu ajjeesee nama bira hin gaafatiinaa" jedhee barreessee mukatti maxxanse.Intalasaa fi haadha warraasaa Ganduma 03 keessatti dhiisee deeme.Kana booda Oliiqaan nama durumaa qabee isa bira jiraatu, kan maqaansaa Shaanqoo jedhamu,qawwee namoonni dirqiidhaan Xaaliyaaniif galchuuf deeman irraa booji'ee Shaanqoo hidhachiise.Kanaanis Xaaliyaaniifi baandaarratti tarkaanfii fudhachuu eegalan. Sababoota Oliiqaa'shiftummaaf' kakaasan keessaa tokko tokko eeruuf.Namni Tafarii Alabee Goonboo jedhamu Haroo Machaaraarratti fannifamuun, QanyaazmaachDhoosaa Abbaa Qoroo qawwee dhoksite jechuun harkasaanii duubatti hidhanii Buraayyuu bakka,“Bakkee Abbaa Boroo” jedhamutti rasaasa torbaan ajjeefamuusaaniifaa eeruun ni danda'ama.Guyyuma Luba Maammoo Corqaa fi Luba Gidaadaa Soolan Hayilasillaasee wajjin quunnamtiiqabdu jechuun harkasaanii lachan duubatti hidhanii Jimmaa Abbaa Jifaar geeffamanii murtoondu'aa itti murta'ee utuu har'a boru duuna jedhanii eegaa jiranii haala hin yaadamneen bilisa ba'aniigara naannawa jirenyaasaaniitti deebi'aniiru.Oliiqaan erga Gabayyoo ajjeesee deemee booda gaaf tokko halkan keessaa sa'aatii shanitti haalahaati warraasaa irra jirtu ilaalee deebi'uuf wayita gara manasaatti qajeelu isheen teessee jirbiifo'aa:Oliiqaa yaa abbaa jigsaaAti duute moo jirtaa?Utuu ati jiraatteeHantuunni maa warraaqxee?Yaa abbaa coomaafi booka kootiiAmaaseniin maal na gooti?jettee isa faarsituu dhokatee dhaggeeffate. Halkan sana dhokatee ishee ajjeesee deebi'uufyaadeeti kan dhufe. Garuu wayita faaruu haadha warraasaa dhaga'u cancala qawweesaadhaamsee halkan sana manasaa bulee ganama bariidhaan bakka dhufetti deebi'e. Yeroo yeroottiuffata waraana Xaaliyaanii uffatee Dambii Dolloo seenuudhaan mana Aadde Moominaafi AaddeDaasharee Akkayyuutii daadhii dhugee, odeeffannoo barbaachisus walitti qabatee deebi'aa ture.Namoota isa fakkaatan waliinis dhoksaatti ni mariyata ture.

bakka da'annoo isaa

Bakkii da'annoosaanii haala yeroon jijjiirama ture. Lafti akka holqa Qacii, Aggataa, Macaqeddoo,Ondoloqqee, Doggaa, Walal, Cabal, Qilxuu Kaarraa fi Ulaa Biyyaa'oo bakka itti da'atan akka turedubbatama.Lola koloneeffattoota wajjin godhame guyyaafi haalli lola Oliiqaadhaan geggeeffamebarreeffamaan yoo jiraachuu baateyyuu seenaa afaaniin darberraa hubachuun akka danda'amuttiqabsoo ittisa koloneeffataa keessatti Oliiqaa Dingil gumaacha olaanaa akka godhe beekama.Tooftaa mataasaatiin geggeeffamee injifannoowwan gurguddoo galmeessaa tureera. Fakkeenyaafyeroo Xaaliyaanonniifi baandaan Oliiqaan Awusa jira jedhanii achi dhaqan jalaa mimmiliquun jarajoonjessaa tureera. Injifannoowwan guguddoo waraana Oliiqaatiin argaman keessaa AanaaYamaaloogii Walal keessatti bakki Fiinchoofi Dubbisi jedhamu gidduu lola Xaaliyaaniifi Oliiqaanwajjin gaggeeffameen Xaaliyaanonni 30 ta'an du'aniiru. Dirreen injifannoo inni seena qabeessajedhamee himamu immoo, lola Wallaggaa, Aanaa Tajjootti gaggeeffame yoo ta'u, lola kanarrattibaandonni 750 ta'anii Oliiqaatti duulan. Lola hamaa, tooftaa fi kutannoo guddaa gaafate kanarrattiXaaliyaaniifi baandonni waraana Oliiqaatiin yommuu dhuman, loltuun Xaaliyaanii maqaansaaTinintii Biichee jedhamuufi baandonni sadii duwwaan baqatanii deebi'anii akka galaniidha kanibsamu.Namoota Xaaliyaanii wajjin waliigalanii Oliiqaa fi waraanasaa booji'uuf ykn ajjeesuuf yaalaaturanirratti Oliiqaan dursee tarkaanfii fudhataa ture. Akka fakkeenyaatti namichi maqaansaaWaacilaa Waloo jedhamu miseensa waraana Oliiqaa kan ta'e Dhaabaa Bocoloo ajjeefnaanOliiqaan battaluma sanatti Waacilaa Waloo, Anfillootti ajjeesee gumaa Dhaabaa Bocoloobaaseera. Itti dabalees, Aanaa Tijjootti namichi maqaansaa Fullaasaa Baabil jedhamu, "Oliiqaaajjeeseen mataasaa muree fida" jedhee Xaaliyaaniif waadaa galee qawwee minishirii shanfudhatees deeme. Otoo hin turin dhimmi kun Oliiqaaa bira ga'e, Oliiqaan mana Fullaasaa Baabildhaqee ajjeesuudhaan qawwee shananuu harkaa fudhatee humna waraanasaa ittiin cimsate.Haaluma kanaan lola hedduurratti lubbuun diinaafi deggartootasaanii lakkoofsaan kaa'uun namarakkisu dhabameera.

boodarra:

Walumaagalatti qabsoon Oliiqaan ummata Oromootiin deggaramee gaggeesse, ummatichiakkasuma lammiifi saba kaanii goota cimaa akka qabu kan mirkaneessuu dha. Du'a Oliiqaa Dingilqabsoo ittisa koloneeffataa Oliiqaa Dingil gaggeessaa ture jala deemtonni diinaa hin deggaranture.Oliiqaan yommuu bosonaa dhufu Magaalaa Dambi Dolloo keessa mana meeshaasaa keewwatuqaba ture. Yeroo inni dhufee kaa'u halkan keessaa sa'aatii shanii hanga 10 gidduu ture. Yeroobosonatti deebi'ummoo rasaasaafi meeshaalee isa barbaachisan fudhateeti.Namichii Oliiqaan waliin hojjetu, warra Xaaliyaanii wajjin qunnamtii dhoksaa qaba ture. Namichiakka warri Xaaliyaanii hin shakkineef halkan halkan manasaa biratti qawwee dhukaasaa bula.Ganama ka'ee, eda mana eebaluu biratti qawween dhuka'aa bule yeroo jedhan Xaaliyaanonnidhaqanii qalahaa hammaarratanii akka galaniidha seenaan kan eeeru. Tooftaa kanaan Oliiqaafinamichi kun waliin deemaa erga turanii booda, qarshiin Oliiqaa namicha kanarratti heddummaataawaan dhufeef gaafa tokko Oliiqaan qarshiisaa akka deebisuuf gaafatee, namichi didnaan Oliiqaanarrabse. Arrabsoon Oliiqaa Dingil onnee namicha kanaa waan madeesseef namoota Oliiqaa Dingilqunnaman qarshiidhaan kadhachuu jalqabe.

du'asaa

Haaluma kanaan Oliiqaan holqa Qacii keessa otuu jiraatuu namichi isa irratti haaloo kuufate sun,dubartii imaanaa Oliiqaa turte /haadha warraa Baaburii Wagee/ uffata babbareedaa, bituufiidhaan,qarshiis harkatti kennuufiidhaan, akkasheen Oliiqaa hordoftee qoricha obaaftuuf summiin ittikenname. Haaluma kanaan osoo jiranii gaaf tokko Oliiqaa heexoon mul'anaan dubartiinimaanasaa turte sun qoricha daaktee summii itti kenname itti dabaltee Oliiqaan akka dhuguufkenniteef.Oliiqaan eddii summicha dhugee booda qaamnisaa dadhabaa adeeme. Guyyaa yeroon inni waanyaatu geenyaan ammas lammaffaa nyaata summii qabu dabalteef. Dhugaatii maastikaa jedhamukan summiin makame akka inni dhuguufis affeerte. Kana booda Oliiqaan laafaa deeme. Namoonniisa duukaa turanis waan godhan wallaalan. Guyyaa guutuu dhukkubsataa oolee, Roobii halkansa'aatii 9:00 irratti bakka Oddoo Butaa jedhamutti du'e.Namichi tooftaan nyaataa fi summii dhiyeessuudhaan nafxanyicha wajjin waliigaltee qabaachaatureefi namni maqaansaa Wadaajoo jedhamu, gaafa Oliiqaan du'uusaa hubatu qawweedhukaasee funyaansaa madeessuun, anatu ajjeese jedhee muudamuuf jecha Xaaliyaanotattigabaase. Gaafa du'a Oliiqaa dhaga'u ummanni naannawa sanaa ba'ee hiyyee boo'e.Hogganoonni koloneeffataas Dambii Dolloorraa yeroo dhufan "Oliiqaa miti, kan du'e nama kanbiraa ta'a" jedhanii shakkanii turan. Sababiin shakkii saaniis Oliiqaa qabachuu fi ajjeesuuf yeroodheeraaf yaalii godhaniin waan hin milkoofneefi.Kana booda muudamaan Xaaliyaanii kan Gavarnoo Dhaayee jedhamu reeffa Oliiqaa yommuuargu "ajjeesuu balleessitan, nama akkasii hin ajjeesan, muudanii hoogganaa waraanaa godhatu"jechuun Wadaajootti dheekkame. Erga reeffasaa gara magaalaa Dambii Dolloo geessanii boodahaadha warraa Oliiqaa waamanii isa ta'uufi dhiisuusaa adda akka baaftu gaafatan. Isheenismallattoo duraan miilasaarra ture ilaaltee isa ta'uu mirkaneessiteef.Sana booda Xaaliyaanonni reeffasaa suura kaasanii karaa laga Borxaa buusanii naannawa durBiheeraawwii Xoor jedhamutti awwaalan. Wadaajoo isa Oliiqaa natu ajjeese jedhu Jimmaageeffamee otuu achi jiruu guyyaa tokko mana daadhii taa'ee otuu dhaadatuu durbiin Oliiqaaachumatti ajjeese. Erga Oliiqaan du'ee weediftoonni akkana jedhanii isa faarsaa turan:Facaasaa heexoo dhuguunOddoo Butaarra buluunMichuu dubartii buluunXixxiixaa Dingil BookaaOliiqaa galaafateQawween Oliiqaa ajjeeseeMaqaansaa WacafoodhaBaga kaartaa hin nyaatiniNamni Oliiqaa ajjeeseMaqaansaa WadaajoodhaBaga taa'ee hin nyaatini. DABALATA Jeneraal Waaqoo Guutuun (1920 – Gurraandhala 3, 2006) geggeessaa Fincila Baalee fiqabsaawaa mirga uummata Oromooti. Jeneraal Waaqon umurii isaa guutuu mirga ummataOromoo kabachiisuf qabsaa’un dabarse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *