contact@domain.com
AddisAbeba Ethiopia
Request a Quote
Seenaa Gooticha Oromoo Haaji Aadam Saaddoo
Home » Seenaa gootota oromoo  »  Seenaa Gooticha Oromoo Haaji Aadam Saaddoo
Seenaa Gooticha Oromoo Haaji Aadam Saaddoo

Seensa

Hajii Adam Saaddoo(1887?-1983 ALH) qabsaawaa mirga Oromoo yoo ta'u miseensa WaldaaWalgargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa ture. Hajii Adam Saaddoo Waldaa Maccaafi Tuulamaa fiOromoota Baalee fi Arsii gidduutti riqicha ture. Jecha "kan harkatti qabadhee dhufe garattideeffadheera. Kanaa achi waan feetan godhuu dandeettan” jechuudhan hiccitii ittiin qabataniinuummata biratti beekkamu.

Seenaa Duubaa

Hajii Adam Saaddoo abbaa isaa Saaddoo Sheekoo fi haadha isaa Halkee Waaqoo irraa bara1887tti Godina Baalee aanaa Gobbaa keessatti dhalatan. Gaafa guddatee umuriinsaa barnootafga'u sheekota naanno sanii biratti barnoota amantii Islaamummaa barate.Hajii Adam Saaddoo bara XaaliyaaninItoophiyaa qabatte mormaa turan. Bilisummaa hirruu hinfudhannu yaada jedhuun yeroo Hayilasillaaseen Ingilaanditti bade Xaaliyaan biyya qabatteXaaliyaanotaaf harka hin kennine. Gabrummaan sanuma jechuudhaan namoota muratoo yaadaisaanii qaban gurmeessuudhaan hidhachiisanii sochiirra ture. Sababa kanaanis qabameehidhame. Qaroo fi maleessa ta’uu Hajichaa kan hubatte Xaaliyaanin, yeroo gabaabduu qofahidhanii gadhiisan. Kun yaalii ummataan qabachuuf godhan ta’ullee hin milkoofnef. Yaadni HajiiAdam xurree sochii ummata isaaniitiin walitti isaan baaftu tamuu fayyadamanii murna kaayyoobilisummaa qabu tokko gurmeessuudhaan hidhachiisanii sochoosuu irratti fuulleffata. Kanaanisadeemsa yeroo keessatti diddaa gabrummaa kamuu irratti kan ummanni bakka bakkatti hidhateedeemsisu walitti qindeessanii gara tokkotti luuccessuu keessatti gaheen isaanii olaanaa ture.Haga gabroomfataan xaaliyaanii gadlakkisee ba'utti meeshaa waraanaa guddaa dhoksaniikaa'uudhaan qabsoo diddaa gabrummaa itti aanuuf haala mijeessaa turan. Garuu, lukkeewwaniccitii kana beekan hojjattoota nageenyaa H/Sillaaseetti waan eeraniif kan yaade hafee ammasmana hidhaa seene.

Itti fufee..

Namoota bebbeekamoo ummata biratti dhageettii qabanitti fayyadamuudhaan uummata bituufyaaluun amaluma gabroomfataati. Hajii Aadamiin hidhuun ykn ajjeesuun faayidaa akka hin qabneqofa odoo hin taane gadoo fi jibbaa biraa akka dhalu kan hubatan anga'oonni Hayilasillaasee,Hajii Adam mana hidhaatii baasanii ofitti qabuu filatan. Haala kanaan aangoo giraazmaachummaafi uffata aangoo kana ibsu kennuufiif sirni badhaasaa tokko qopheessan. Haasaa qophii kanarrattigodheeniis muudama giraazmaachumma kana akka hin barbaannee ifatti dubbachuun fudhachuudide.Yeroo Waldaan Maccaa fi Tuulamaa gootoa akka Koloneel Alamuu Qixxeessaa, HayilamaaramGammadaa, Mokonnin Wosanuu, Jeneraal Taaddasaa Birruu, Dhibbaalaa Maammoo Mazammir fikanneen birron bu’ureeffamee sochii jalqabe, Hajii Adam Baaletti bu’ureessaa fi bakka bu’aawaldichaa turan. Dabalataanis, yeroon yeroo sochiin Fincila Baalee kan Jeneraal WaaqooGuutuutiin durfamu haala haarawaan oo'aa jiru ture. Hajii Adam Saaddoo baruma uummanniOromoo quba wal qabeenyaan halagaa irratti tokko ta’ee qabsaawu hawwaa waan tureef yeroonisaan yaadaa turan kun mul'achutti guddaa gammade.Bu’ureeffamuu Waldaa Maccaa fi Tuulamaa hundeeffame kana sochii diddaa gabrummaaummata Baaleetiin wal simachiisuuf ammoo sochiin ummanni Baalee bakka bakkatti godhu garasochii kaayyo-qabeessa ummata Oromoo guutuu tokkotti jijjiiruuf tattaafachuun hujii isaanii ta’e.Kanarrattis hojjatanii sochiin qabsoo Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi sochii Fincila Baalee walsimachuun karaan mijaawe. Haaluma kanaan waldichi haga humnaa fi haalli yeroodandeessiseen kutaalee Oromiyaa heddutti dameen isaa akka bu’ureeffamu caasaa eegadiriirfateen booda kora tokko Finfinnetti waame. Haata’uu malee, yeroon sun yeroo mootummaanHayilasillaasee ijaaramuu waldaa kanaa mormuudhaan waldicha sababa itti uumee jigsuuf socho’aa ture ture. Yeroo hamaa kanatti Hajii Adam uummata Baalee bakka bu'uun xalayaaummata Baalee irraa keessattuu Jeneraal Taaddasaa Birruutiif barreeffamte qabatanii Finfinneedhufan.

Xumura

Gaafa Hajiin Finfinnee dhufu kana, humni waraanaa mootummaa miseensota Waldaa Maccaa fiTuulamaa hidhuuf Finfinneetti sochii gochaa oole. Humni waraanaa Jeneraal Taaddasaa Birruuqabee hidhuuf mana isaatti marsee ture. Jeneraal Taaddasaan harka kennachuu didee cabseeba'e. Manni Jeneraal Taaddasaas waraanan qabame. Hajii Adam kana quba hin qaban ture.Jeneraal Taaddasaa arganii dhimma dhufaniif irratti mari’achuuf bilbila gara mana mana JeneraalTaaddasaatti bilbile. Kan jalaa kaase garuu Taaddasaa odoo hin taane ajajaa waraanamootummaa ture. Ajajaan waraanaa kunis akka Taaddasaatti erga Hajii dubbisee booda, namaisa fudhu akka erguuf itti hime. Loltuun isa fuudhuf ergame wajjin erga wal arganii konkolaataisaatin karaa jalqaban. Loltuun kun Hajii Adam fuudhe gara mana Taaddasaatti odoo hin taanegara buufata poolisiitti geesse.

Hajiin dubbiin amma galteef. Hiccitii qabatanii dhufan balleessuf jecha, mana fincaanii dhaquuakka fedhu waraanaa qawwee baatee isa marsetti hime. Hajiin akkuma marfametti mana fincaaniiseeneen xalayaa ergaa uummata Baalee cicciree mana fincaaniitti gatuu yaade. Garuu deebisaniibaasuu danda'u jedhee shakke. Malli ergaan sun diina harka akka hin seenne godhaniin garattideeffachuu qofa akka ta’etti murteessee xalayaa san cicciree alanfate. Xalayaa san alalchee ergaliqimseen booda mana fincaaniitii bahe.

Akkuma mana fincaaniitii baheen marfamee biiroo ajajichaa geeffame. Ajajaan, yeroo xalayaaqabate akka itti kennu gaafatu, Hajiin "Waan garaa nu baate garaatti nu deebite. Kana boodawaan feete godhuu dandeetta" jechuun dubbate. Miseensota Baale qabmana kan biraa waliinhidhaan waggoota 25 fi qabeenyi hidhamtoota hundi mootummaan akka dhaallamu irrattimurtaa'e. Warri Hajillee ta’ee ummanni Baalee galmeen murtii isaanii gara Finfinneetti akkadeebi’u iyyachuu isaaniitiin Finfinneetti deebi'e. Hajiin mataan isaanii dhaddacha “Nugusa nagasti”jedhamutti dhihaatanii mormatanii irra aanuun murtii manni murtii olaanaa isaan irratti dabarse sanjijjiirsisuu danda'an.maddi: https://t.me/Seenagotootaoromonunlo/61129 DABALATA 👉👉👉👉Seenaa Muhaammd Zaakir Gooticha Oromoo Baha Oromiyaa

Seenaa Gooticha Oromoo Haaji Aadam Saaddoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *