contact@domain.com
AddisAbeba Ethiopia
Request a Quote
SEENAA BAKAR WAAREE
Home » Seenaa gootota oromoo  »  SEENAA BAKAR WAAREE

SEENAA BAKAR WAAREE ( Kutaa 2 ffaa )

Lolli Calanqoo lolaa ittisa imala gabroomfattoota nafxanyaa ture. Lolli kun Amajjii 6 bara 1887 humna Minilikiin hogganamuufi ummata Oromoo, Oromiyaa bahaa jiraatan kanneen gooticha Bakar Waaree tiin hogganamu gidduutti taasifame. Bakar Waaree kan dhalate Aanaa Jaarsoo bakka Laga Mixee jedhamutti. Bakar Waaree gumii bultumaa tan Raabaa fi Doorii Bareentumaa Addeellee maadheffattee Fugug bulchitu keessatti qondaala guddaa Birmajii yeroo sanaa ture. Keessattuu dhaddacha mooraa Fugug tan teessuma man-bultii gurguddoo kudha lamaan Alaa: jechuunis Nuunnu, Meettaa,Diiramu, Goollo, Buubbu, Abbay, Galaan, Abbaadho, Ere, Kaako, Arroojjii, Gutayyu keessatti haala sochii siyaasaa fi hawaasummaa irrattii adda durummaadhaan murtii (hoggansa) kennaa kan ture.

Gootichi kun nama cimaa gootummaa, hayyummaa fi dandeettii hoggansaa jalqabumaan horatee ture. Gootichi kun seenaa fi faaruu Oromoo keessatti bakkayyutti faarfamaa jira. Fakkeenyaaf, warri dubartootaa (haawwan) eenyummaa gooticha kanaa ibsuudhaaf heellee keessatti akkas jedhanii faarsan:-
“Bada Bakar Waaree yaa ba’eessa namaa,
Osoo si deessee haatee marraa lamaa” …
Warri dhiirotaa immoo dhiichisa keessatti akkas jechuun faarsan:-
“Innaawaa gamnummaa dubbiin jalan galtuu,
Yoo arjummaa taatees dhabdee biraan galtuu,
Gootummaan daranii roorroon ittin galtuu,
Bakariin tuttuqaan killee dhagaan loltuu”
Bakar Waaree, seenaa qabsoo Oromoo keessatti waan hedduun yaadatama. Keessayyuu, Oromootni Oromiyaa Bahaa keessa jiraatan ilmaan ykn ijoolleen Qalloo afran (afran Qallo) jachuuniis(Daga, Oborraa, Baabbile, Ala) fi ijoolleen Anniyaa sadachaa fi kodheellee lola weerartoota nafxanyaa ofirraa ittiisuuf godhamu irratti hogganaan waraana saba Oromoo(murti guutoo) eenyu akka tahuu eega marii godhatan booda abbaan duulaa kan isaan hogganu akka Bakar Waaree tahu filatan.

haala marii

Mariin kun kan taasifame eega ergaan miila qallaa Abbaa Gadaa yeroo sanii Wadaay Galmoo Kormoosoo irraa mooraa fugugitti isaan geesse booda ture. Filannoo kana irrattis sooreyyiin beekkamoon gosoota bakka bu’an kan argaman yammuu tahu isaaniis Anniiyya irraa Hargaaya, Afran Qalloo irraa, Wadaay Galmoo Kormoosoo, urfoo, Katabee Wadaay Dugaa fi Mareenyi yommuu tahu kana keessaahiis Hargaayaa fi Wadaay Galmoo Amiir Abdulaahii(amiira adaree) waliin tahanii haala walii gala waraana kanaa akka hogganan gaafatan.Tahuus Amiirtichi tole hin jenne. Sababniis yeroo sanatti Amiirtichi Abbaa isaa Kan deeggarsa oromoo qabu mootummaa Gibxii waliin angoo irraa fonqolchee gara angooti dhufuun isaa yeroo xiqqoo waan taheef haala waliigalaa waraana sanii hogganuu hin dandeenye.


Adeemsa qophii leenjii waraanaatiin wal qabatee gareen waraanaa ykn loltootni weerartoota nafxanyootaa kanaan loluuf qophaa’aniis bakka sadiitti qodamu. Isaaniis:-


=> Gareen tokkoffaan Garee murtii guutoo jedhamu yammuu tahu gareen kun akkuma maqaa isaarraa hubannutti garee isa ol’aanaa fi hanga murtiin isaanii guutamuufitti humna diinaa dura dhaabbachuun kan falmatu jechuu dha. Garee kanaafiis leenjiin kennamu baayyee cimaa jedhamee himama. fkn waraana(eeboo) fi gaachena qabatanii farda yaabbatanii arihuudhaan osoo fardi fiigaa jiruu farda garaajala naannahuudhaan hiddii lafaa akka kaasan gochaa leenjiin kennamaaf jedhama.

Hogganaan waraana murtii guutoo Bakar Waareetiis leenjii garee kanaa waliin akka fudhate himama. Iddoon leenjiin itti kennamaafii turees Aanaa gurawaa raada yaayyaa bakka gambeella jedhaamutti fi fiinxee gara mul’ataa bakka dabbaal mootii gaaraa jedhamtutti nama maqaan isaa lallabaa lihoo jedhamuun akka leenjiifaman himama.

=> Lammaffaan, garee Raaree jedhamtu yammuu tahu gareen tuniis akkuma garee murti guutootti tan fardaan leenjite taatullee leenjiin garee kanaaf kennamu akka leenjii garee murti guutootiif kennamuttii cimaadhaa miti jedhama. gareen kuniis leenjii iddoon itti fudhate Aanaa Gurawaa naannoo rakkoo barzaalaa bakka raaree
jedhamtutti yammuu tahu leenjiisaan garee tanaatiis Riyyaa jedhamuun beekkama.
=> Saddaffaan, Garee qeeyroo jedhamtu yommuu tahuu gareen kuniis nagaya eegduu (poolisii naannoo) jedhamuun beekamti. Fkn yeroo gareen murtii guutoo fi raaree diina saanii waliin dirree waraanaa irrattii falmii gochaa jiran akka diinii kun kallattii biraatiin itti hin dhufne warreen eegan jedhama. Leenjiin garee kanaa kennamuus sochii qaamaa dabalate akka bifa kaaraatee ammayyaa fakkeessanii muka jajjabaa kanneen akka ejersaa dumucaan cabsuudhaan leenjii fudhata jedhama. Akassumaas meeshaan waraanaa kan gareen kun loluun xiyyaa, mencaafi kan akka qottoo, wacaafaa dhagaa furgugsuufii k.k.f lolan jedhama. Leenjisaan garee tanaatiis akkuma garee raareettii riyyaa jedhamuun beekkama. DABALATA 👉👉Seenaa Bakar Waaree

Seenaa Gooticha Oromoo Bakar Waaree

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *