Seensa
Minilik ilma Hailemolokot Sahlesilasie ti. Minilik 2ffaan bara 1889 Sootala hidhate warra Kiristaana hin taane fixi jedhamee, eebbifamee Mootii Moototaa jedhamee, akka ittiin kolonisi babal'ifatu gorsamee muudame.
Akkuma Mootota Habashaa kaannen biroo kaayyoon Minilikis Ummata oromoo cabsanii oromummaa balleessudha.
Oromoo mootonni Habashaa waggaa 450 waraananii guutuutti cabsuu dadhaban, Minilik akkamiin cabsuu danda'e? Yoo jenne guddina minilik hubachuu qabna.
"Fuula na qajeelchii balballummaa ollaa jalatti baruu" jedha mammaaksi oromoo.
Minilik maqaa booji'amaatin Masaraaa tewodroos keessatti guddate. Masaraaa Tewodroos keessa immoo Ingilizootaa go faranjoota hedduutu turan. Faranjoonni Sun ammoo harlı caalaan maqaa amantii tiin hojiin isaanii basaasummaa dha.
Ajandaan addunyaa bara sanaa waayee biyya koloneffachuuti. Egaa Minilik Gara Jabeenyaan nama fixuu Tewdros irraa barate. Akkaataa Ummata qoqqoodanii walirratti kaasuudhaan isumaan İsa waraanani biyya koloneffatan immoo Ingilizootarraa bare, jechuun no danda'ama.
Minilikiin qaaman gurraacha has ta'u malee, qorqalbii koloneffattotaa ingliziitiin guddate; akka isaanittis dhugeeffata. Mootonni Habashaa Marti Minilik ta'ee Hailesilasien nuti gurraacha jedhanii him beekamu.
"Moa Anbessa Ze imnegede Yihudaati" ofiin jedhu.
Kanaaf minilik koloneeffataa Adii Haalluu gurraacha dibatedha. Innis An sanyii Kuush gurraacha ofiin jedhee him beeku. Kaninni ofiin him Jennee immoo ittiin jedhamuu him qabu.
Minilik bara bulchiinsa isaa guutuu meeshaa waraanaa fi hayyoota waraanaa biyya alaatii fiduudhaan oromoo fi ummata kibbaa irratti duuluudhaan, namoota miliyoona hedduu fixe, qabeenya Ummataa saame, Gara biyya alaatti gurguree, meeshaa waraanaa ittiin bitee Ummata fixaa fi Garba gurguraa akka ture ragaan ni jira.
"Emperor Minilik, The founder of Ethiopian Empire and his wife at one time owned 70,000 slaves and he was considered " Ethiopia's great slave enterprenur" to obtain slaves and economic resources, the emergenging Ethiopian state committed genocide on people like oromos. The oromo population was reduced from 10 million to 5 million through war, slavery massive killings dieses and war induced famine during the 2nd half of the nineteenth century."
Madda: Oromummaa as the master ideology of the oromo national movement, Knoxville USA 2009 fuula3
Hiiknisaa: Minilik inni impayera Itiyophiyaa Ijaaree Fi Haati manaa isaabar tokko garboota 70,000 qabu ture. Minik Itiyophiyaa keessatti Ummata garboomsee gurguruudhaan dorgomaa hin qabu ture. Garboota fi maddeen diinagdee guurrachuuf Impayeerri Ethiopia biqila turte duguuggaa sanyii Ummata kanneen akka oromoo irraatti labsite. Heddumminni Ummata oromoos adeemsa lolaa keessa Miliyoona 10 Gara Miliyoona 5 tti had bu'ee ture. Garbummaa, Ajjeechaan Jumlaa, dhukkubni fi waraanni walakkessaa Lammaffaa bardhibbee 19ffaa keessa beela fide." Jechuudha
Akka waraana isaa itti ramadee oromoo adamsee qabee biyya alaatti gurguraa ture. Mootichi Habashaa Minilik mataadhumti isaatuu barreettii(xalayaa) muddee 6 bara 1878 Beeljiyeemiif barreessseen akka armaan gadiitti mirkaneesseera.
"Mootummoota Kiristaana ta'an biratti Garba gurguruun dhorgameera jechuu waanin dhagayeef Allan waldaa mootummootaa keessaa him baaneef jecha oromoota gabrummaan gurguramuuf qabamanii waraana kiyya harka Kiran keessaa altokko 50,000 yeroo biraa immoo 20,000 akka Gara haadhaa fi abbaa isaanitti deebi'an gadlakkiseera" jedha.
Hubadhaa: Ijoollee gurgurtaaf qabaman 70,000 keessaa tokko illee ilma amaaraa yılın tigiree miti.
Minilik Habashoonni tokkummaa biyyaa ijaare jedhanii faarfatan kun kaayyoon isaa qabeenya Ummata oromoo fi kibbaa saamee, nama illee osoo hin hambisin meeshaa waraanaa bitachaa ture. Kaayyoo isaa kana garaa guurrachuuf sanyii duguuggaa oromoo fi ummata kibbaa irratti raawwateera. Sabaha kanaan baayyinni Ummata oromoo walakkaan daguugame.
Bartu minilik bara koloneeffattoonni Awurooppaa Ardını Afrika'da hirmaataa turan waan tureef, minilikis maxxantuu koloneeffattootaa ta'ee Afrikaa koloneeffataa ture.more
