Guutamaa Hawaas eenyu?
Guutamaa Hawaas (1945-1994) qabsaawaa mirga Oromoo fi hoogganaa Waraana BilisummaaOromoo ture. Guutamaan waraana qabsoo bilisummaaf ABO fi ADWUI gidduuttigeggeeffamerratti waan diinan marfameef, ofumaan of ajjeese.
Seenaa Duubaa
Guutamaa Hawaas magaan dhalootasaa Jamaal Roobaleeti. Guutamaan bara 1945 keessaabbaasaa Roobalee Daadhii fi haadhasaa Gaashoo Tofoorraa Oromiyaa kibba-bahaa Arsiikeessatti, aanaa Gololchaa, ganda Haaroo jedhamutti dhalate. Umuriin isaa barnootaaf akkaga'eenis mana barnootaa Gololchaa seenuun kutaa 1ffaa hanga 4ffaa kan barate yoo ta'u, kutaa5ffaa hanga 12ffaatti ammoo gara Finfinnee dhaquun mana barumsaa Addis Katamaa jedhamuttibaratee xumure. Akk barnootasaa xumureenis waaijira Boordii Bunaa jedhamu keessaan hojiijalgabe. Waajjira kanas damee Finfinnee fi Diillaatti aragmu keessatti yeroo muraasaaframadamee hojjate. Wajjirra kana keessatti bulchaa aanota garaa garaa, keessattuu bara 1975-1977tti naannoo Arba Guuguutti ramadamuun bulchaa aanaa Gololchaa ta'ee hojjateera. Ittiaansee bara 1978-1979tti konyaa Arbaa Guuguutti itti gaafatamaa dhimma ummataa ta'ee hoijate.Haa ta'uyyuu malee mootummaan Dargii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo waliin hidhatan qabajechuun ba'uu fi galuusaa waan hordofuu jalqabeef, waajira kana gad lakkisuun gara hojii isaajalgabaatti deebi'ee hojjechuu jalgabe.
Qabsoosaa
Guutamaan yeroo naannoo kana keessa hojii mootummaa kana hojjataa turetti miseensa ABOwaan tureef, achuma keessa hojii ABO lafa jalaan hojjataa ture. Kunis, maadhee dhaabaa lafajalan ijaaruu fi miseensonni dhaabaa karaa saniin gaaratti bahan dabarsuu irratti hojjataa ture.Hojii qabsoo inni lafa jalaan hoijataa fi hojjachiisaa ture waan diinaan jalaa saaxmeef, Guutamaangara bosonaa seenuu fi guutummaan hojii qabsoorratti hirmaachuun dirqama itti ta'e. Akkakanaan bara 1979 keessa naannoma Arbaa-guuguu, Gololcha kanatti bosona seene. Qabsoonhidhannoo yoosuma sanuu naannoo sanatti eegalamee waan jiruuf, Guutamaan WaraanaBilisummaa Oromoo kan naannoo sanatti ramadamee jirutti makame.Guutamaan yeroo sanaa kaasee hanga gaafa wareegameetti itti gaafatama dhaabaa kan garagaraarra ture. Kunis bara 1979-1984tti miseensa koree Godina Kibba-Bahaa ture. Yeroo sanattiGodina Kibba-Bahaa kan jedhamu: aalee Diida aa, Baalee fi kutaa Harargee keessaa ammooaanaa Daaroo-Labuu kan of keessaa qabu ture. Yeroo kana koree keessatti itti gaafatamni isaadhimma hojii hawaasummaa ture. Bara 1983 jila miseensota ABO Godinoota Bahaarraa yaamamee fi hogganoota ABO kan wareegaman bakka buusuuf kutaa Harargee, Laga Raammis,bakka Raaree Aadam Boruu jedhamutti taa'erratti miseensa koree maatii fi jaallan isaa irraa jidduuABO ta'ee filame.Bara 1984 keessa walga'ii koree gidduu-galeessaa 2ffaa kutaa Harargee, Aanaa Daaroo Labuu,bakka Sakattee Billiqaa jedhamutti taa'erratti gaafa waajjirri siyaasaa ABO jalgabaaf ijaaramuttimiseensa Waajiira Siyaasaa ta'ee filame.
Ramaddii
Achumaan hoogganaa Damee Hawaasummaa ABOta'uun ramadame. Bara 1989 yeroo Korri ABO 2ffaan kutaa Harargee, naanoo Laga Gobelleettigodhamuuf qophiirra jirutti, miseensa Koree Qindeessituu Kora Sabaa ABO ta'ee qindeessaa Itti-aanaa fi diinagdee koree kanaa fudhachuun ramadamee hojjate. Korarratti ammoo, yeroolammaaffaaf miseensa Koree Jidduu fi Waajjira Siyaasaa ta'ee filame. Achumaan mataa DameeDiinagdee ABO ta'uun ramadame. Bara 1991, yeroo mootummaa ce'umsaa keessa ABOn seene, hirmaata hojii kan hoogganni dhaabaa yeroo san hojii mootummaa fi dhaabaa walitti qindeeffatuufgodhaterratti miseensa mana marii fi itti-gaafatamaa Zoonii Kibbaa ta'ee ramadame.
Bara 1992yeroo mootummaa Ce'umsaa keessaa ABOn ba'etti itti gaafatamummaa kanaan dirree qabsooZoonii Kibba Bahaa, kutaa Baalee, naannoo Gadabii fi Dalloo Bunaatti deebi'ee maroo lammaffaafgaara seene.Yeroo sanatti waraanni Wayyaanee fi Shaabiyaa humna isaani walitti qindeeffachuun waraanaAadda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf lolaa guddaa yeroo isaan itti banan ture. Ebla 12 bara1994ttis kutaadhuma kana aanaa Dalloo Mannaa, naannoo Laga Dayyuu, bishaan Haxiballaajedhamurratti Waraanni Wayyaanee fi Shaabiyaa kun lola guddaa WBOrratti bananiin, lolahadhawaa guyyaa sad'iif geggeeffamerratti akka gootaatti lolee lolchiisaa erga tureen booda Ebla14 naannoo Barraaq bakka Dhukkee jedhamutti lola geggeeffameerratti diinaan marfamee harkadiinatti hinkennu jechuun boombii ofitti dhoosanii jaallewwansaa afur yeroo sana isa waliin turanwaliin wareegame.Guutamaa Hawaas qabsoof bosona kan seene naannodhuma itti dhalate waan ta'eef bara 1979-85tti sababaa fi maqaa isaatin maatii inni irraa dhalate dabalate ummanni Oromoo kan naannoosanii fi hiriyyoonnisaa osoo hinhafin Dargiin ajjeefamanii lafarraa duguugamaa turan.
Xumura
Obboleessasaa Muhaammad Roobalee bara 1980 keessa magalaa Abboomsa keessatti ajjeefame, akkasuma Obbolecttiisaa Lukku Roobalee Bara 1982 ji'a Ramadaanaa keessa bakka Dande jedhamutti bakka looniin godaantetti ganama manaa qabanii kaampi waraanaa Haroo Kambeelaa jedhamutti guyyaa guutuu qaamaa fi qalbi dararaa erga oolanii booda naannoomanaatti deebisuun rasaasaan tumanii biraa deeman. Namoonni ga'eeyyiin, maanguddoonnidhiiraa fi dubartii, dargaggoonni fi shamaran bakka tokko walitti qabamanii rasaasaan ajjeefamaan, mana keessatti ibiddaan gubamanii fi bakkoota gara garaatti ajjeefaman awwaalallee dhabuun bineessaa fi allaatiin nyaate naannoo nama 500 oliiti.Guutamaa Hawaas intala Biiftuu jedhamtu kan qabu yoo ta'u yeroo ammaa Biiftun biyya Awustireeliyaa jiraatti.galatooma seenaa gootota group tti makamaa! DABALATA
