contact@domain.com
AddisAbeba Ethiopia
Request a Quote
Qarooma Boorana; Beeka Ganamaa, Beekkamtii urjii fi moggaasa maqaa
Home » Seenaa oromoo  »  Qarooma Boorana; Beeka Ganamaa, Beekkamtii urjii fi moggaasa maqaa
Qarooma Boorana; Beeka Ganamaa, Beekkamtii urjii fi moggaasa maqaa

Seensa

Durii irraa kaase qaroomi Oromoon Booranaa dhala namaatiif gumaachite heddutti gurraaaddunyaa tana gahee jedhee amana. Qaroomii kun miidiyaa akka akkatiin hawaasa addunyattidhaqqabulle irguddinnii isaa bifaa barreeffamatiin waan hin jirreef agas mara xiyyeeffannaa argatedurattii deeme, fulaa gahuu malee gahuu hin dandeenne. Haa ta'uu guyyaa hardhaa waan waanargee dhaga'ee irraa diqqoo tokkoo gurraa isan buusa.

Moggaasa maqaa urjiilee

Qarooma Boorana keessa innii tokkoo, urjilee samii keessattii argaman akka aadaa fi daadda(safuu) hawaasa Booranatiin maqaa ittii moggaasan aadaa qabatamaan lafa jirtuu waliin walittiihidhuun ibsuu danda'uu isaaniti. Booranni akka aadaa fi safuu isaatti, urjilee samii irraa yoomaqaa moggaasan; hiika, amala, akeeka urjilee fi tajaajila isaanii kennan jiddugaleessa tolfata.Qabatamaa Booranatti, urjiilee samii tana irraa jiran cufaa hangaafi isii "Bakkalchaa Finnaa"ti.Bakkalchii kun fulaa garittii maqaan isaa Bakkalchaa Abbaa Soraa jedhan. Sababi bakkalchii kunhangafaa ta'eef, yoo aguma feete dhooftii urjiilee cufaa walii galtee sugaa-bokkaa himtellee,ammallee dabree yoo waaqii roobee marraa bisaan lafa jiraatanille, yoo ammoo bakkalchii finnaakun ba'ee samii irraa hin mullatin diqqaattulle hanquutti lafa jira jedhan. Akkana jechuun adoofinnii diqqaate, adoo horiin rimuu didee homatti lafa jiraa jechuu. Akkanaan bakkalchii finnaa urjiicufaa hangafee jedhan.

Akka Ayyaantuun jettutti

bakkalchii finnaa gosaa Booraana keessa Daaccituu. Daaccituun gosaaBooraana 17n isiitti Hangafaa. Moggaasii kun tanuma gulaa gosaa Daaccituu waliin walbiraqabame moggaafame. Kanaafuu, akka aadaa fi duudha Booranatti, urjii Bakkalchaa fi gosaDaaccituu jidduutti walitti dhufeennii jiraachuu mullisa. Kun akeeka “conceptual linkage” aadaa fiduudha Booranaa keessatti calaqqisuudha.Gama biraatiin, Booranni urjilee hangaafa roobaa ta’an hedduu in beeka. Isaaniis; urjilee dhahaatorbaan (Lamii, Buusan, Sorsaa, Algaajima, Arba-gaadduu, Wallaa,fi Basaa) dabalatee urjii akkaBakkalchaa finnaa, Bakkalchaa Barii/Galchuu, Bakkalchaa Goofoo, Hannamunnuuga, KormaaMaddoo, Torbaan fi kkf fa dha.Akka Ayyaantuu irraa dhageennetti urjiin*Wallaa ( ) Laduu.*Torbaan ( ) Gadaa. *Buusan ( ) Raaba jedhan. Ammallee asittii wannii hubachuu qabnuumoggaasii kun aadaa fi daadda hawaasa Boorana irraa dhufe. Fakkeennaf dhahaa roobaakeessatti urjiin "Wallaa"gahee guddoo taphatti. Halkanii isiin addeessan walittii dhuftuu (Guyyaadhahaa 6ssoo) ayyaantuun jabduu daliila rooba laalti. Urjiin tun rooba kennuu ykn mirkaneessuukeessatti fulaa guddoo qabdi. Fuulduraf yeroo bokkaan ittii roobulle in himti. Urjii tana daaddanisiin walqabsiisan aadaa warraa Laduu (Qaalluu) ti. Urjiin Rooba kenniti.

waa'ee qaalluu

Qaalluun eebba kenna.Akkuma yoo abbootiin Gadaa baallii wal irraa fuutu Qaalluun eebbise finnaaf isaan qopheessuuurjiin sugaa bokkayaa himtee jireenna gara duraa akeetti.Wallaan ayyaana Qaalluuti. Afoolla hawaasa keessatti muuda Qaalluu akkana jedhan dhaatan"Ayyaanii kee Wallaa, naqaan tee Salbaana, Qaalluu; malkaa duraa hin buune, miyyuu duraa hinfuune, fuudhe duraa hin unnee" jedhan.Maanguddoon urjiin Torbaan "Gadaa" jetti. Qabatamaa Booranatti badheessaa rooba GannaaBaatii Bittatteessa keessa galgalaa naquu yoo miili torbaan duude, agarsiiftun roobaa ya mullatte.Yeroo tana hawaasii horsiisee bulaa akka halkanii Gannaa alattii hin hafin waan beekuuf bokkaadhufaa jiruu durattii qophii barbaachiftuu cufaa tolfata. Kun akeeka roobati. Akeeka finnaati.Torbaan mallattoo sugaa-bokkaati. Gadaan mallattoo aangoo fi bulchiinsati. Mallattoo finnaabiyyaa ti. Tanaaf walittii fidan Torbaan-Gadaa jedhan.Yeruma walfakkaatatti, Badheessaa roobaa gannaa yoo miili torbaan mirgaan duude dhufaatibokkaa namattii himuu, kallattii dhihaa biiftuu gulaan urjiin "Buusan" dirqama gadii buute garaaloon jalaan mullatti. Asittii teessuma urjii (star position) laalan. Yoos elemtuun waan agarteebiyyaaf bammisiifti. Buusan Raaba jedhan. Maaliif? Roobii Gadaa duraa hin dubbatu". Ebeluuraaba Gumii dhufeen tana. Raabii ajaja Gadaa fudhata. Murtii Gadaa hujii irraa oolcha. AkeekiiBuusanilllen kanuma. Dhahaa urjiin torbaan dhoofte, Buusan danda'an hin didan. Ajajaa fudhatanhujii irraa oolchu.Ya buufadhe!Oromummaa: Oromo Culture, Identity and Nationalism

Qarooma Boorana; Beeka Ganamaa, Beekkamtii urjii fi moggaasa maqaa

2 thoughts on “Qarooma Boorana; Beeka Ganamaa, Beekkamtii urjii fi moggaasa maqaa”

  1. Jundi says:

    Namatti tolu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *