WARQITUU
Warqituu Oromtittii walloo, ishee Mootii habashootaa Tewdirosin galaafatte!
Gootitti Dubartii haadha Seenaa!
Warqituu
Walakeessa, bara 1868 uummati Oromoo Walloo, Olaantummaa Oromoo Kaaba xoopiyaatti
sarbame jiru deebisuuf, dhamaatii guddaarra turan. Giftittii Oromoo Yajjuu kan taate, Warqituu fi
Sheek Jaafar abbaan gooticha Tolaa, namoota warraaksa sana keessatti iddoo guddaa qabanii fi
ga’ee wareegama lubbuu kanfaluuf ofitti murteessanidha.
Teediroos maal ta'e
Mootichi Teediroos, bara sana duguuggaa sanyii haalaan jabeesse ture. Ilma Warqituu #Hamadee
jedhamu, kan booji’ee bakka buuteesaa dhabamsiises, Teediroos ture. Warqeen gumaa ilmashee
sana ba’uuf, ciistee bultee hin beektu. Yeroo minilik seexantichi sun ka’ee Teediroosiin fonqolchuu
yaales, jibba Teediroos irraa qabdu sanaaf “Diinni diina kootii anaaf fira kooti” jechuun, Minilikiin
humna fardaan deggeraa turteetti jedhama.
Waraana Teediroosiin kan Momoriin as darbanii, uummata walloo Oromootti duulan, humni
Warqeen durfamu, waraana habashticha Teediroosiin durfamu sana achi dachaasuun, Mormoriin
ceesisanii, buufatata waraana Teediros biratti waraana namtittii hedduu erga fixanii booda,
Warqeen gootittiin sanyii dhiiraa sun, maqdallaa irratti, Teediroosiin biyyoo nyaachistee, gumaa
ilmoo ishee fi gumaa Oromoo ba’atte.
Bara sana waraanni Ingilizii Lammii Ingilizootaa, kan Teediros sababa doofummaasaaf, fuuluma
diimatanii faranjii ta’aniif meeshaa waraanaa hojjetu jedhee yaadee “naaf hojjedhaa malee hin
galtan!” jechuun humnaan qabee hidhe sana baafachuuf, dhufanii Kaaba Xoopiyaa jiruvturan.
Biyyicha keessas Teediroosiin barbaadaa utuu jiranii dha; Warqeen kan isa ajjeeste.
Ajjeesuusheef faranjoonni sun gootummaa isheefi Oromoo baayyee ajaa’bsiifatan galan !
Suuraan ishee har’a Godambaa /museum Ingilizii keessa jira. More
