contact@domain.com
AddisAbeba Ethiopia
Request a Quote
Seenaa Lola Adwaafi Oromoo Carcar
Home » Seenaa oromoo  »  Seenaa Lola Adwaafi Oromoo Carcar

Lola_Adwaa_fi_Oromoo_Carcar

Kabiir Abdullee Yaayyaa Oromoota Ona Ituu (Hararghee Lixaa Carcarii) gara lola Adwaati akka duulan godhaman #800 keessaa nama tokkoo ture. #Waldagabreel Abbaa Seeyaxaan nama gaafa san bulchummaan Ona Ituu bitaa ture. "Behraawii zamachaa" wanni ja'uus bara Darguu keessa osoo hin tahin, Bara Minilik keessatti gaafa lola Adwaa san Raas Mokooniinii fi Waldagabreel faan eegalamte. Keessaafuu Muslimoota dirqiin duulchissuuf. Lolli Adwaa Bara 1896tii gaggeefame. Lola kana keessatti, Waldagabreel Oromoota Carcar kan qaamni guutuu tahe, namoota humnaan jajjaboodha ja'ee amanu, mul'ata qaamaa babareedaa namoota qabanii fi hidhamtoota waraana Sirna Gadaa Odaa Bultum (humna loltuu Abbaa Duulaa Mucee Ahmad Mucee) waggoota hedduu itti muramee hidhaa keessa turan dabalatee, Oromoota Ituu #Dhibba_Saddeet(800) sassaabanii gara Adwaa kuteeni. Lola Adwaarratti humna waraanaa kutaa biyyattii kamii duuleetu injifannoo guddoo Itoophiyaaf galmeesissuu dandayye? gaafiin jattu yoo kaate, deebiin salphaa dha. Waraana Guutuu Hararghee keessaa dhufan ilmaan barreentummaati.

Hangamillee ilmaan bareentumaa kun gootummaan injifannoo guddoo Biyyaaf galmeeysisuu danda'anis, bara sanattillee irra caalaan Hordooftoota Amantaa Islaamaa waan tahaniif, yoo ilmaan Tuulamaa kan amantaa Minilik hoordoofu Kiriistaanummaa duruutuu fudhatan yoo taate malee, hangamillee injifannoo galmeesisanis amananii Bareentumatti Angoon hin kennamtu ture. Ilmaan Bareentummaa guutuu Hararghee keeysaa sassaabamee gara Adwaati duulchifaman, achittis Dejaazmaach Waldagabreelii fi Raas Mokooniiniin kan hogganaman tahuu Seenaan Lola Adwaa ni addeessitt.

Cubbuu Itoophoyaa Oromoo irrattii

Haa tahu garuu cubbuun Itoophiyaan Oromoorratti qabaachaa turte guddoo fi ulfaatuu dha. Oromoota Gootummaan loluun injifannoo galmeessanii, hanga ammaa minilikitti gurra kabajaa horaniif galanni kennite hin jiru. keessaafuu, Oromoo Muslimaa taate taanaan, hangamillee kabajaa biyyaa eegsisuuf lubuu kennanis, mootummoota Itoophiyaa dabran biraa kabajaa gatii sareen masaraa isaanii keessaa qabdu hin argatan ture.Kabiir Abdulleenis Oromoota Itoophiyaaf warreegamanii gatii Saree Dhaban keessaa tokko tahun seenaa keessatti galmaa'ee, dhaloonii irraa barachaa jira.

Kabiir Abdullee Yaayyaa Oromoo Muslimaa Caracarii duule tahus, gootummaan lolee, Waraana Xaaliyaan hedduu galaafatee, meeqaantam booji'ee, rasaasni qawwee tassa argatee lubuun wareegame. Duuba wanti nama ajaa'ibu erga rukkutame booda sakaraanii lubuu itti dhufe. Akkaataa amantii isaattu Maqaa Rabbii waamaa, Shahadaa qabachaa, humna waraana Minilik toora san jiran akka bishaan obaasan kadhachaa ture. Osoo haala kanaan waywaachaa jiruu daqiiqaa maayii lubuun bahuuf deemtu, waraani Waldagabreelii fi Raas Mokoonin toora san guutumaan guutuuti too'atan. Abdulleen osoo shahadaa qabachaa jiruu lubuun dabarte. Duuba waraani Itoophiyaa Abdullee Shahadaa qabachaa lubuun baate kana ilaalaa turan, warra amantaa isaanii kan Abdullee wajiin warreegaman guuranii awwaallatan.

Garuu Kabiir Abdulleen waan muslima taheef, Isaa Shahadaa qabaachaa lubuun keessaa baate waaraanni Minilik argan. Arganis garuu "Kun Muslimaa dhiisaa, Muslima keessaafuu Oromoodha, dhiisaa hin awwaalinaa" jechuun, Abdullee osoo hin awwaalin gaaratti dhiisanii biraa galan. Haala kanaan gootni gaafa biyyaa duulee, lolee, diina albaasee, du'e kabajaa namummaa isaatuu dhabee achitti Bineensi nyaatee hafe. Gaafasirraa kaatee, Itoophiyaan erga haaja itti bahatte booda, reefki oromoo osoo hin awwalamne Bineensaan nyaachissuun jalqabamtee, hanga Aashaa kormeeti (bara 2007) itti fufee jira. Haa tahuu Ka'uumsi Lola Adwaa baanan sanii maali?. Dubbiin akka jarri ifiif barreefatanii ittiin nu barsiisan san waa hin jirtu.

Adwaan eenyu faa jidutti gaggeeffame

Lolli Adwaa Lola Mootummaa Xaaliyaanii fi Mootummaa Itoophiyaa Atsee Minilik jidduuti "Biyya tana Anaatu bitaa fi anaatu bitaaf" gaggeefame ja'u hayyooni. Haa tahu garuu ka'uumsi lolichaa waa tana qofa hin ture. Lola liqii kennaa fi liqii fudhataa jidduuti, naa deebisi?, hin deebisuudhaan, Kaddaatanyoota lama jidduti gaggeefamee. Biyyooni Awuroophaa osoo waldhabdeen isaan jidduuti hin uumamne Afriikaa gita bituuf Biyya Jarman , Berliiniiti konfiiransii gaggeessuun waliigaltee taasisan. Duula gita bituun Afriikaa adda qoodachuu ja'u kanas Mata duree #C3 jattu kennaniif. Hammayoomsuu (Civilization),
Daldala waliinirraa fayyadamuu (Commerce) fi Kiriistaanoomsuu (Christianity) jettu ture. Haa tahuuti haaluma kanaan biyyoota yeroo ammaa imphaayara Itoophiyaa keessatti argaman irratti tarsiimoo addaa hordoofuuf waliif galan. Tarsiimoo akkam?.

Mootummaan Abisiniyaa kan Minilikii fi Atsee Yoohaanisiin durfamaa ture sun mootummaa Kiriistiyaanaatti, sanirraan Hidda laatinsa isaanii ummata Yehuudaarraa asburquu kan himatan waan tahef, (Awuroophaanooni ofumaaf biyya Oromootaa fi ummattoota kibbaa weeyraranii bituu caalaa) Mootummaa Minilik deeggaruun harka Minilik keessaan bituuf jecha liqii qarshiitii fi liqii meeshaa Minilikiif laatan. biyyooni Awuroophaa kamuu Minilikiif yoo taate malee biyyootaa fi ummatoota goonfa Afriikaa keessatti argaman tokkoofuu deeggarsa kennuun dhorkaa akka tahe murteessan. biyyooni Awuroophaa kamuu, kan qaama Miniliki moormuuf deeggarsas, tahe liqii kennuu Uqqabaan akka irratti darbamtu waliif galan.

Haala kanaan Mootummaan Xaaliyaan bara 1884 Waliigaltee Waccaalee ja'amturratti Liiree 800 000 (Kuma Dhibba Sadeeti) cinaa qarshiin, Cinaa meeshaa waraanaatiin kenneefi. Waliigaltee keeyyata 20 ol qabdu tana keessatti, 17ffaan akki jattu "Hanga Minilik liqii Xaaliyaan Deebisuu, bakka Xaaliyaan hin jirreeti Daldalaa fi hariiroo alaa kamuu biyyoota Awuroophaa biraa wajiin taasisuun irra hin jiraatu" kan jattu ture.

Xumura

Yeroo duraa Minilik tole ja'eetuma kana amanee waliif galee fudhate. Erga biyya Oromoo fi kibba Itoophiyaa deeggarsa faranjootaa kanaan cabsee of jalatti gabbarsiise booda, Ingiliizoonii fi faransaayoonis fadhii addaa Itoophiyaa Minilik bulchu wajiin qabaachuu waan barbaadaniif, shira al-kallattiin Xaaliyaanii fi Minilik jidduuti shiruu eegalan. Yoo walitti dhugeenya cimaa dhufe kana argitu, Xaaliyaan "waliigaltee teenya eegaa hin jirtu" jechuun Minilikiiti mufatte. Fuula biyyoota Awuroophaa kaneenirraa argateen, Atsee Minilik Onnee horate. Liqii Oromootaa fi biyyoota Kibba Itoophiyaa ittiin cabsuuf Xaaliyaanootarraa liqeefate deebisuu didee kaade. akkaataa waliigalteetiin osoo Xaaliyaan quba hin qabaatiin Engliizii fi Faranaay wajiin harooroo walqunnamtii jalqaban. "hanga liqiin teenya nuuf deebituu gibira guurranna, yeroo gibirri guurannu qixa liqii nutti isiniif kenninee gahu, Laga Marrabi olitti dachaana" jedhanii Kaabaa Tigraay weeyraranii gibira sassaabachuuti seenan. Lolli gaggeefame kan liqii kennaa fi liqii fudhataa jiduutti gaggeefame ture. Ka'uumsi lola kanaatis shira oromoodhaan cabsuuf xaxameerraa ture. Dhumni lola kanaatis gootummaa oromootaatiin injifannoon goolabame. Oromoon gootuma duruu jenna moo, Oromoon ofirratti duulee, hidda mootummaa isa cunqursuu ofirratti gadi jabbeesse jenna?. isin walgaafadhaa!! Dabalataan kunooriti๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰Seenaa Lola Calanqoo๐Ÿ‘‰

Lola Adwaafi Oromoo Carcar

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *