contact@domain.com
AddisAbeba Ethiopia
Request a Quote
Iddoo seenaa Dahannoo Azuulee!!
Home » Seenaa oromoo  »  Iddoo seenaa Dahannoo Azuulee!!

Iddoo seenaa Dahannoo Azuulee

!!Iddoon Seenaa Dahannoo Azuulee Godina Arsii Aanaa Suudee Ganda Mareenaa Garjallaa iddoo addaa Raasoo jedhamutti Magaalaa guddittii Godina Arsii Asallaa irraa fageenya kiilomeetira 100fi Magaalaa guddittii aaniicha Kullaa irraa immoo fageenya kiilomeetira torba irratti argama..

Goototni Oromoo Arsii qabsoo diiddaa waanjoo gabrummaa Sirna Naafxanyaa Atsee Miniiliik waliin waggoota jahaa oliif taasisuun bilisummaafi eenyummaa Oromummaa isaaniif aarsaa olaanaa kafalaa turaniiru.

Lola Aanoleefi Lola Aanaa Diksiis Ganda Uruu Qadiidaa iddoo Haroo Qeerroo jedhamutti gooticha Oromoo Arsii Qeerroo Nageessoon gaggeefameen booda,Atsee Miniiliik loltoota isaa Raas-Daargeen durfamu bara 1878 ALI Godina Arsii Aanaa Suudee iddoo Dahannoo Qilee Laga Azuulee jedhamutti bobbaasuun goototni Oromoo Arsii kuma kudha lama ( 12,000) ta'an wareegamaniiru.

Heddummina

Baay'inni namoota lola kana irratti wareegamanii kanneen lola Ummata Arsii qofa osoo hin taane lola ummanni Oromoo Astee Miniiliik waliin taasisaa tureen isa olaanaa dha. Loltoonni Atsee Miniliik Raas - Dargeen durfamu kun tooftaa qoqqoodanii bitu fi meeshaa waraanaa ammaayyaa ta'etti fayyadamuun Oromoo cabsaa turaniin, dubartii Arsii Halkoo jedhamtu bituun gootota loltoota Arsii heexoo obaasuun akka laafan gochuufi humni diinaa dursee iddoo lolaa qabachuun mishigii qotachuun fardeen loltoota Oromoo Arsii akka itti dhuman gochuun moo'uu danda'eera.Iddoon Seenaa goototni Oromoo Arsii kabajaa eenyummaa Oromummaa isaanii fi bilisummaa Oromoota hundaaf arsaa olaanaa itti kafalan kun yeroo ammaa xiyyeeffannoo dhabuun bu'uuraaleen misoomaa kanneen akka daandii,ibsaa fi kanneen biroo akkasumas iddoo seenaa kana daangeessuun osoo hin raawwatamin hafuu fi siidan gootota kanneeniif osoo hin hojjatamin hafuun qabsoo wareegamtoota kanneeniif gatii laachu dhabuu nama jechisiisa.

Xumura

Kanaafuu,gama qamoolee mootummaa dhimmi ilaalutiin iddoo seenaa Dahannoo Azuuleef xiyyeeffannoo bu'uuraalee misoomaa diriirsuufi siidaa goototaa dhaabuun iddoo kun iddoo haawwata turiziimii ta'uun dhalootni har'aafi egeree seenaa irraa akka barataniifi madda galii uumuufi carraa hojii dargaaggootaa uumuu keessatti shoora akka taphatuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjachuu qabnan dhaamsa keenya . DABALATA 👉👉👉👉Seenaa Gammachuu Magarsaa

Iddoo seenaa dahannoo Azuulee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *