ZAWUGAA BOOJI'AA
Obboo Zawugaa Booji'aa abbaasaa Giraazmaach Booji'aa Asaquu fi haadhasaa aaddeeZannabach W/Mikaa'el irraa bara 1912 godina Shawaa Lixaa, aanaa Dandii, ganda JawweeBuriitti dhalatan.Obboo Zawugaa Booji'aa hundeessitoota Waldaa walgargaarsaa Maccaaf Tuulamaa keessaanama tokko, Obboo Zawugaan obboleewwan torba waliiin kan dhalatan yoo ta'u, umriisaaxiqqummaatti garmaama fardaa kan jaallatan ta'uutu himama. Obboo Zawugaan haadha warraaisaanii aaddee Tasfaayee Allabbaa jedhaman waliin bultii ijaarratanii ilmaan hedduusgodhataniiru. Warquu, Faanayee, Hayiluu, Olaanaa, Asaffaa, Ajajaa Kumaa Silashii, Tsahaay,Elsaabeet, Solomoon, Amsaalaa, Asiraat, Haannaa, Hiruut, Iskinder, Maartaa fi artist Yaaddessaailmaan isaa waliin godhatani.Keessattuu ijoollee isaanii keessaa kan baay'ee beekamu Artist Yaaddeessaa Boojiaan AlaabaaGamtaan Afriikaa itti fayyadamaa jiru kan boce ilma isaaniiti.Olaanaa Zawugaanis akkasuma kitaaba ''Gizaat innaa Gizoot'' jedhu jalqaba himaa seenaagootota biyya kanaa fi seenaa ijaarama Waldaa Maccaaf Tuulamaa barreessuun beekama.Dur bara lafa babal'ifannaaf wal waraanaa turame keessatti, abaabayyuu Zawugaa Horaa Ginnoofmurteen murteeffamtee Shawaa Lixaa naannawa Amboo, Walisoo, Galaan fa'i dursummaanhoogganaa ture. Horaan duunaan hooggansi Asaquuf laatame. Asaquun duunaan Booji'aanfudhate. Obbo Booji'aan naannoo Abeebee Qeerransaa baalabbaatummaan bulchaa turee bara1944 yoo boqatu, ilmisaa Zawugaan immoo irraa fudhate.
itti aansuun
Bara 1952 - 1953 tti bulchaa ganda Boddaa ta'uun gahee olaanaa taphatee jira. Gandi Boddaakun iddoo dhaloota Fitawraarii Haabtagiyoorgis Diinagdeeti.Obboo Zawugaan Sabasaaf hojjachuuf homaa ofitti hin qusatu, hojiiwwan gurguddaa fi bu'uurata'an sabasaaf hojjachaa turan. Bara san sirna Hayilasillaasee fuldura dhaabbatanii sodaa tokkomalee eenyummaa saba isaaniif falmaa turan.Obboo Zawugaan bara 1954 hanga bara 1966tti ammoo uummata Amboon filatamanii bakkabu'aa ummataa yeroo san Jibaatinnaa Maccaa jedhamu ta'uun paarlaamaatti bakka bu'ummaaargatan. bara isaaniittis hojiilee boonsaa kanneen akka:- Mana yaalaa ijaaruu, Mana barnootaa,karaa, Riqichi akka ijaaramuuf dhiibbaa godhanii ijaarsisaniiru. Yeroo sanatti barattootni MBAmboo yeroo mootumma HSillaasee mormanii hidhaman akka falmaniifii hiiksisaa turantuhimama.Akkasumas bara 1962 hanga 1965 tti, itti gaafatamaa misoomaa Daandiiwwanii Amboo ta'uun.. ,daandii Oolan-komii Gindabarat geessu, daandii Gudarii Wancii geessu, daandii Gudarii Shanangeessu hojjachiisuun bu'uura misoomaa hedduu fakkeenyummaa qabu dhalootaaf kaayan.Obboo Zawugaan Bu'uuressitoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessaa, hangafummaa ttibeekama. Waldaan walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa yeroo hundaa'etti miseensota kanhundeesse keessaa isa tokkoo fi qabsaa'aa adda duree turan. Miseensota kanneen keessaamuraasni isaanii, B/Jeneraal Taaddasaa Birruu, Obbo Hayila Maariyaam Gammadaa, KoloneelAlamuu Qixxeessaa, Obbo Zawugaa Booji'aa, Ajajaa dhibbaa Maammoo Mazammir, Obbo EjjetaaFayyisaa, Qany. Mokonnin Wasanuu, Daj. Kabbadaa Buzunash, Dr. Moggaa Firrisaa, LubaGuddinaa Tumsaa, Obbo Baqqalaa Mokonnin, Obbo Ahimad Bunaa, Obbo Seefuu Tasammaa,,Haaji Roobalee Turaa, Haaji Aadam Saaddoo, Obbo Qana'aa Gumaa fi kkf kaasuun nidanda'ama.
itti fufee..
Obboo Zawugaan hundeeffamuu waldaa WMT boodas sosochii guddaa gochaa kan turan. fkn Obbo Zawugaan Adoolessa, 17 bara 1958, gaggeessitoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa ummataAbeebee Qeerransaa waliin wal barsiisuuf carraaqqiin gochaa turan, ummata lakkoofsankumaatamaan lakkaawaman sosochoosuun walgahii guyyaa tokkootiin qofa maallaqakumaatamaan lakkaawamuu fi lafa kaare meetira 5000 waldichi akka argatu taasisee ture.Walgahiin seena qabeessi kun guyyaa kana Abeebee Qeerransaatti waan ta'eef, ummatasabboonummaa isaanii cimsee akka eenyummaa isaanii kunuunfatanii jiraatanii fi salphaattibitamuu akka hin dandeenye gorsaa turan.Bara 1966 Haila sillaaseen angoo irraa bu'ee Dargiin aangootti olba'e... Dargiin paarlaamaamootichaa diigee parlaamaa mataa isaa dhaabe, Obboo Zawugaanis paarlaarnaa gadhiisuun garaqe'ee isaa Abeebee Qeerransaatti deebi'anii galan.Dargiinis namni kun hojii lakkisaniiru jedhee hin dhiifne xiyyeeffannaa itti godhee eegaa ture.uummata natti kakaasu jedhee beektota Oromoo waan sodaatuuf isaan balleessuuf kutate. Maqaaqawwee hiikkachiisuu jedhuunis itti duule..Dargiin Gurraandhala 8 bara 1968tti loltoota isaa gara qe'ee obboo Zawugaa Booji'aa akkaweeraran erge. Loltootni kunneen nama tokkoof konkolaataa afur guutatanii gara Gaatiroo Jaawiqe'ee Obboo Zawugaatti imalan.Obbo Zawugaa fi maatiin isaa taa'anii raadiyoo dhaggeeffatu turan. isaanis Haadha manaa obbooZawugaa aadde Tasfaayee Allabbaa, ijoollee isaanii Asiraat Zawugaa (umrii 13), SolomoonZawugaa (umrii 18) fi maatiisaanii kan ta'e, obbo Maammoo Deebisaa ta'anii osoo jiran, dhukaasnialaa mana isaanirratti roobuu eegale.Obboo Zawugaanis mana keessa taa'anii loltoota Dargiitti dhukaasuu eegalan, boodarra waliindhumuurra jedhanii ijoollee isaanii fuutee akka baatu haadha warraa isaanii ajajan, haati warraasobboo Maammoo Deebisaa harka hin kennannu jechuun didan.
Mul'ataa Badhaanee (Abbaan Jigsaa) ollaa obboo Zawugaa namni ture goota walirratti du'uunmiidhagina jedhu, dhartuu fi shirtuu ija gad qabachiisaa kan ture fi bara lola Xaaliyaanii Maacoottiduulee nama gootummaan deebi'edha. Obboo Mul'ataan yeroo manni Obboo Zawugaaweeraramu Giinci akka turantu himama, achii dubbii kana dhageenyaan ariitiin qaqqabaniiqawwee isaanii qabatanii Obboo Zawugaatti makaman, Obboo Mul'ataan mucaa Dr MuluuMul'ataa Badhaanee jedhamtu qabu.Haalum kanaan lolli garee lamaan jidduutti itti fufee obboo Zawugaa fi Obboo Mul'ataandhukaasuu irratti waan dandeettii addaa qabaniif dhukaasni isaanii lafa hin bu'u adda diinaarrabuusanii loltoota Dargii harcaasan.Itti dabalamuu fi dhumaatiin loltoota Dargii waan isaan haarseef dhukaasa itti cimsinan. ammasirra deebiin akka ijoollee fuutee baatu haadha warraa isaanii ajajan, Haati warraa obboo Zawugaaaaddee Tasfaayee ajaje isheenis ijoollee of jalatti qabattee gad baate loltootni dargii gara jabinaagara ijoolleetti dhukaasan rasaasni loltoota Dargii Asiraat mucaa umrii 13 irra buuteegalaafatte....Asirat mucaan umrii 13 kan magaalaa finfinnee fira bira jiraachaa ture maatiif biyyanyaade jedhee deebi'ee achumaan hirribni dhuma hin qabne achitti hambifte. reenfi mucaafi ilmiishee lubbuun hafe Salamoon waliin gara ollaa geeffamuun loltootaan eegamaa bulan.Osuma dhukaasanii loltoota dargii meeqa haxaawanii Wixata gurraandhala 8 1968 obbooZawugaan kufan. Obboo maammoonis osoo hin turiin isaanis wareegaman. Obboo mul'ataanammallee harka hin kennanne loltoota dargii osuma haxaawanii dhihee bari'e ...loltootni dargiis haariidhaan meeshaa gurguddaa fidatanii manarratti dhukaasan mannis gubatee ObbooMul'ataanis kibxata Gurraandhala 9 1968 gootummaadhaan wareegaman.
Xumura
Reenfi isaaniis fe'amee gara waajjira poolisii magaalaa Amboo geeffamee akka hin awwaalamnedhorkame, kadhaa hawaasa Amboo fi naannawa ishee guutummaan sa'aatii dheeraa booda reeffinamoota arfanuu fuudhamee Bataskaana Iyyasuusii magaalaa Ambootti awwaalaman.Turtii waggaa 16tiin booda bara 1984 erga mootummaan Dargii kufee, wayyaaneen akka biyyaqabatteen labsii reeffa namoota ofii eessaayyuu jiru fudhatanii akka aadaa ofiitti awwaallachuudanda'an labsee ture. Yeroo kana hawaasni Oromoo kumaatamni bakka jiruu walitti dhufe, maatii,firri, fardaa fi konkolaataan reeffa namoota afranii kabajaan Amboo baasanii gara ganda GaattirooSillaasee iddoo itti wareegamanitti kabajaan awwaalaman. Yeroo amma Siidaa awwaalchanamoota arfanii irratti ijaaramee, karaa guddaa Gincii gara Amboo imalu, naannawa magaalaaxinnoo Asgorii jedhamutti argama..Warra gootummaan wareegame isin hin duune seenaa bara baraan ilmaan keessan Oromoonmarti isin yaadataa DABALATA 👉👉Seenaa Gooticha Oromoo Haaji Aadam Saaddoo
