contact@domain.com
AddisAbeba Ethiopia
Request a Quote
Seenaa Oromoo: Waa’ee Seenaa Aanolee kana beektuu?
Home » Uncategorized  »  Seenaa Oromoo: Waa’ee Seenaa Aanolee kana beektuu?

Siidaan Aanolee eessatti argama?

Siidaan Aanolee godina Arsii magaalaa Ittayyaa irraa gara harka mirgaan kiiloo meetira 10 irratti

argama.

iddoon kun bakka waraanni Minilik Oromoota walitti qabee warra dhiiraa harka mirgaa, warra

dubartootaa ammoo harma mirgaa itti muredha.

Oromoon gita bittaa ofirraa qolachuudhaaf qabsoo waggoota hedduudhaaf taasise keessatti

Oromoonni Shawaa, Walloo, Hararghee, Arsiin adda durmmaan heeramu.

Bakki Siidaan Aanolee kun itti argamu ammoo bakka Oromoon Arsii waraana Minilikiifi gita bittaa

yeroo sana dura dhaabbatee gatii baasaa turedha.

Gareen Siidaa Aanolee dhaabbachuu mormuurra darbanii akka diigamuufillee yeroo gara garaa

duula gaggeessan warra ol-aantummaa sirna Nafxanyaa deggeranidha.

Siidaan Aanolee kan dhaabateef yaadannoo yakka gita bittaa Nafxanyaa dura dhaabbachuuf

haarsaa kaffalameeti.

Yakka bara sana raawwatame caalaa kan hammaataa ta'u, kan isaan yeroo ammaa maaliif

namoota gocha suukkanneessaan dhuman sanaaf yaadannoon ta'aadha. Miidhaa ture beekamtii

dhowwachuun ykn haaluun biyya balaa irra buusa malee furmaata hin ta'u.

Arsiin erga siidaan kun achitti dhaabbateen booda Amaara tokkoyyu hin tuqne. Kanaaf, Siidaa

Aanolee kana irratti maqa balleessiin ykn haarsaa bara sana kaffalame waanti busheessu yoo

dhufe uummata dheekkamsiisa.

warra abbootiin isaanii harkaafi harma muran caalaa kan nama madeessaa jiran warra Siidaan

Aanolee maaliif ijaarame jedhanidha.

2. Aanoleen bakka Minilik itti ijibbaate /xiqqoof miliqedha.

Oromoon Arsii warra Nafxanyaa ofirraa ittisuu keessatti, keessumaa bara 1881 hanga 1886'tti lola

guddaa taasisan.

Minilik yeroo gara garaatti duula gurguddaa marsaa ja'aaf gara Arsiitti taasisee ture. Arsii

qabachuu dadhabee aarsaa guddaa itti kaffale.

"Minilik ofiidhuma isaayyu nagaarita/dibbeen irraa fudhatamee baqatee hanga Moojootti har'anii

xiqqootti lubbuudhaan jalaa miliqe.!"

duula kaabarraa gara kibbaatti sirni Nafxanyaa taasisaa ture keessatti mormiin guddaan kan isaan

mudate Arsii irrattti.

Minilik wayita sanatti meeshaa ammayaa bittaafi deggersaan Awurooppaa irraa argatuun ol

aantummaa qabaatus, Arsiin akka adda waraanaa biraa salphaatti hin jilbeeffanneef ture. Keessumaayyu naanoo Azulee jedhamtutti Oromoonni mormii cimaa taasisaniin waraanni Minilik

namoota hedduu 12,000 ta'an ajjeesuu ragaan ni agarsiisa.

bara 1889 mootii ta'u isaatiin dura duulawwan taasise hunda keessaa Minilik, kan Arsiitti taasise

hunda caalaa hamaafi dhiiga hedduu kan dhangalaaesedha.

"Lafa bal'aa sana qabachuudhaaf bara 1882 hanga 1887 gidduutti duula marsaa ja'aaf

gaggeesseera.!"

3. Bakka hojiin jiilchuu/qoor-qalbii cabsuun itti gaggeeffame

Waraanni Minilik uummata Arsii kana waan nuuf hin ciisan jedhanii sodaataniif bara 1886 Aanolee

irratti namootarraa harkaafi harma muran.

uummanni Arsii Sirna Gadaa jalatti gurmaa'ee ofirraa ittisuu yaalus meeshaan hidhatanii turan kan

Minilikiin hin gitu ture.

"Biyyi Firaansis meeshaan Minilikiin kan deggeraa turan keessaa tokko turte."

Humna Arsii isa dura dhaabbate kana cabsuuf Minilik meeshaa ammayaa qofa hin turre kan itti

fayyadame. Namoota jiilchuudhaaf harkaafi harma muruun tooftaa tokko ture.

Barreessaan Seenaa lammii Firaansi Maarshiyaal dii Salvaayik jedhamu ragaa harkaafi harma

muraa hanga tokko ol kaa'uu danda'uu isaas ni himama.

Barreessaan kun kitaaba bara 1901 barreesse keessatti, lola Aanoleetiin waggoota 15 booda

jechuudha, namoota harki murame ijaan argee barreessuu kan danda'e.

Hojii jiilchuu kanaan carraa uummanni yeroo Aanoleetti walitti qabamu eegachuutu ture. Akka

ragaleen ibsanittis, yeroon isaa Aanolee irratti guyyaa sirna Baallii dabarsuu gaggeeffamudha.

Ba'a Gadaa Roobaleefi seensa Gadaa Birmajii ture.

Warroonni aangoo dabarsaniifi fudhatan akkaataa Seera Tumaa Odaa Roobaatiin gosni 29 bakka

kanatti akka walitti qabaman godhame. Minilikiifi suuftonni isaa ammoo guyyaa kana karaa

lamaan foonaa uummata itti fixan ijaarrataniiru.

Isaan keessaa inni tokko karaa namni seenuu harkaafi harma itti muran ture. "Arsiin lammata akka

inni mataasaa ol hin qabanneef qoor-qalbii isaa cabsuuf kana godhan."

"Harkaafi harma irraa muranis morma isaaniitti fannisanii akka isaan qabatanii hawwaasa keessaa

dhufanitti deebisan taasisan. Sanas Arsiin argee jiilee lammata mormee akka jala dhaabbachuu

hin dandeenye hamilee cabsan.!"

4. Siidaan Aanolee maaliif ijaarame, maalimmoo ibsa?

Maalummaa saba tokkoo isa har'aa beekuuf kan darbe qorachuun barbaachisaa ta'a. Seenaa

Oromoon keessa darbe qoratanii yaadachuun kan har'aa cimsachuuf baayyee barbaachisaadha.

Yaadannoon wareegamtoota Aanolees kanuma dhugoomsa. Dizaayiniifi ijaarsi Siidaa Aanolee kun gochi badii gita bittaa sirna Nafxanyaa uummata Oromoo

irratti raawwatame akkaataafi bakkaan kan ibsudha.

"Kaayyoon isa inni guddaan gochi badii akkasii kun akka hin dabalamneefi dhaloonni dhufu akka

irraa baratu gochuudha."

Akka isaan ibsanitti, dhaloonni waan uumamee ture kana irraa barachuu qofa osoo hin taane,

wanti raawwatame sun beekamtiin yoo kennameef dhaloonni akka nagaa uuman taasisa.

"Biyya kana keessattis nagaa buusuuf ga'ee qaba, sababiin isaa, warra biyyaafi uummataaf

du'aniif beekamtii kennuun biyyi kun akka isheen nagaa taatu gargaara.

Namoonni dhiigniifi lafeen abbootii keenyaa beekamtii argateera, gatii kaffalameefi miidhaan nurra

ga'e mullateera jedhanii boqonnaa sammuu argatu. Uummanni mallattoo keenya jedhaa gara

nagaa buusuutti deebiya."

Siidaan gara lixa Biiftuutti galagalee awwaala irratti harki mirgaa harma of irratti qabatee

dhaabbate yaadannoo wareegamtootaa mallattoo gocha diddaa gabrummaafi tokkummaadha. Dubbisaa👉👉👉ZARIHUN WADAAJOO EENYU?

Seenaa Aanolee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *