contact@domain.com
AddisAbeba Ethiopia
Request a Quote
Galoo galaana diimaa irratti, lola ottoman turkiifi Portugaal jiddutti deemaa tureefi injifannoo oromoo, jaarraa 16ffaa keessa. (Kutaa 1ffaa )
Home » Seenaa durii  »  Galoo galaana diimaa irratti, lola ottoman turkiifi Portugaal jiddutti deemaa tureefi injifannoo oromoo, jaarraa 16ffaa keessa. (Kutaa 1ffaa )

seensa

Bara 1250 G.C. keessa, biyya masritti mootummaan " mamluk salxaanat" jedhamu
Hundeeffamuun wal qabatee, bifuma wal fakkaatuun bara 1270 - 1285tii lafa amma ityoophiyaa jennuun tan keessatti mootummaan yekuno Amlakiifi kan sulxaanat ifat jedhamu gad dhaabbate. Mootummoonni lachuu gargaarsa mamluk masrii ( Egyptian kingdom) irraa argachaa akka turan kitaaboota hedduu keessatti ibsamee jira. ( Islamic history in Ethiopia ) (the sultanet of medieval in Ethiopia) church and state in Ethiopia)
Mootummaan mamluk sulxaanat, kan masriidhaa, hamma jaarraa 16ffaatti galoo galaana diimaa toohachuun biyyoota Awroopaatiifi hindii wajjiin hariiroo daldalaa cimaa qabaachaa turuus bara 1507' G.C irraa Eegalee hamma 1517tii, mootummaan portugaala naannawa galoo galaana diimaa dhunfachuu qofa ossoo hin tahiin dooniin masriidhaa, tan daldalaa akka bab- al- mandab hin qaxxaamurre goote.
San qofaa mitti, Portugaal Yemeniifi Oman toohachuun makkah fi madina dabalatee, biyyoota arabaa hedduu qabachuuf
Sochii Eegalte. Mootummaan Portugaal harka tokkoon Ajandaa amantaa waan qabatee deemuuf biyyoota islaamaa hedduu yaachisaa dhufe. Gara biraatiin mootummaan Portugaal
Mooticha Habashaa Ates libna dingil hidhachiisuun mootummaa Adal sulxaanaat irratti bifa haarayaan lola gaggeessuu eegale.

Itti dabalees

Bara 1517 G.C. keessa, Atse Libna dingiliifi waraanni Portugaal gamtaan lola mootummaa Adal sulxaanaat irratti bananiin

Amiir Mahfouz ajjeessuun magaalaa dakar tan harar cinaa tan barbadeessuun waan hedduu balleessan. Yeruma san keessa, waraanni Lopez Suarez galaana diima irraa ka'uun magaalaa zeylaa barbadeesse. Guyyaa muraasa keessatti waraanni Portugaal kan saldiyanho dhaan hogganamu Barbara toohate. Yeroo kana keessa waraanni turkii

Kan selman Ra'iisiin hogganamu Portugaal dursee Hijaz ( saudi Arabia) seene.itti aansuun

Waraanni turkii masrii dabalatee, biyyoota arabaa hunda dhuunfate.lolli Portugaaliifi turkii jiddutti deemaa jiru galaana diimaa irratti itti fufe. Bara 1530 keessa turkiin Yaman dhuunfachuun isii mootummaa Adal sulxaanaat bifa haarayaan akka of ijaaruufi Afrikaa keessatti mootummaa cimaa tahee akka bahuuf carraa uume. Kana qofaa mitti, mootumaan usmaaniyaa (turkii) galoo galaana diimaa toohachuun isii bara 1529 G.C. irraa kaassee hamma bara 1543ti Imaam Ahmed Ibrahim al- ghaziif Humna guddaa tahe. Dabalataan kunoorti๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰Seenaa Lola Adwaafi Oromoo Carcar

Lola ottomaan turkiifi poorchugaal jidduttii

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *