Seensa
Qabsoon Oromootis akkuma qabsoo sabaa (national struggle) kamuu boqonnaalee (phases) Afur keessa dabartee kan shaneessoo keessa seenaa jirti. Boqonnaan qabsoon sabaa keessa dabartus:
1. Boqonnaa Dadammaqiinsaa (Revival),
2. Boqonnaa Ijaaramiinsaa (Reconstruction),
3. Boqonnaa Biyyoomsuu (State Formation) fi
4. Boqonnaa Aangoo Qabachuu (Ascendancy to Power) ti
5. Boqonnaa Sirna Dimokraatawaa ijaaruu (Democratization)
Mee boqonnaalee qabsoo afran duraa kanneen tokko tokkoon kanatti aansinee ilaallee kan boqonnaa itti aanu (5ffaa) gama bodaa irratti itti deebina
1.1. Boqonnaa Dadammaqiinsaa (Revival)
Ummanni tokko roorroo waloo ofirraa kaasuuf hunda dura dammaqiinsaa waloo (collective consciousness) ummachuu qaba. Kana jechuun Ummanni sun eenyummaa (aadaa, seenaa, afaan) waloo qabaachuu isaa, firaafi diina waloo akkasumas kan cunqurfames kan bilisa bahus waloon ta’uu isaa waliin amanuu qaba.
Sirni cunqursaa tokko ummata wahii yeroo humnaan cabsee dhuunfatu, akka ummanni sun fincilee cabiinsa ofirraa hin qolanneef eenyummaa waloo uummata sanaa jalaa balleessuun tooftaa beekamaadha. Ummata Oromootis haalli kun isa mudatee ture. Qabsoo isaa yeroo eegalus dura kan godhe wal dammaqsuudha. Baroota 1960’moota irraa eegalee ummatichi aadaa, seenaafii afaan isaa akka jabeeffatu, akkasumas roorroo walfakkaattuufii hiree takka akka qabu hubachiisuuf duula cimaatu godhame.
Sochiin Afran Qalloo, kan Maccaa Tuulamaa, kan Baaleefi Sochiin Pirooteestantiigama Lixaa akkasumas banamuun Raadiyoo Moqdishoo jalqabbii dadammaqiinsaati. Keessattuu hojii gama hawwisoo garagaraatiin walleelee dhiheessuun hojjatameefi gama raadiyootiin dalagame hojii dadammaqsuu kana keessaa isa guddaadha. Hojiin dammaqsuuf hojjatamaa ture bu’aa saffisaa buusuun boqonnaa itti aanu, kan ijaarutti, akka ce’amuuf karaa saaqe
1.2. Boqonnaa Deebisanii Ijaaruu (Reconstruction Phase)
Sirni cunqursaan ummata tokko yeroo waanjoo jala galfate booda akka itti hin fincilleef wantoota waloon inni qabu mancaasuun hojii waloo (collective action) dhoorguuf tarkaanfii fudhata. Mallattooleefi asxaalee waloo, aadaafi afaan isaa akkasumas caasaa hawaasummaafi bulchiinsaa isaa diiga. Kanaafuu qabsoo sabaa keessatti boqonnaan lammataa ummata dammaqsuu eegalan san ijaarutti cehuudha. Kunis asxaa, mallattoo, dhaabasfi caasaa waloo itti tolchuudha. Akeekni sirni cunqursaaa aadaa, afaan, seenaa, mallaattoofi caasaa waloo ummata curnqurfamee balleessuuf barbaaduuf, ummati sun sadarkaa sabummaa (nationhood) akka dhabuufi. Kanaafuu hojiin deebisanii ijaaruu tarkaafilee sirna cunqursaa san faalleessuun ummatichi sun sadarkaa sabummaa akka horatu dandeessisuufi.
Akeekni qabsoo sabaa ummataafi dachii isaa tokko godhanii (making the people and its territory congruent) hacuuccaa ormaa jalaa walaba baasuu waan ta’eef, hojii milkaa’ina pirojektii sabummaa keessaa tokko eenyummaa ummataafi lafa biyya sanii sammuu saba sanii keessatti deebisanii ijaaruunn (gadi dhaabun) ummatichi akka saba tokkoofi biyya tokko qabutti akka hubatu (imagined community) gochuudha.
Haala qabsoo keessa
Qabsoo Oromoo keessatti hojiin deebisanii ijaaruu kun baroota dhuma 1960’mootaafi jalqaba bara 1970’moota keessa eegalee hojjatamaa ture. Odaa deebisanii asxaa sabaa gochuu, Gadaan sirna waloo ta’uu dhaadhessuu, jaarmaya siyaasaa waloo (ABO) dhaabuu, Qubee ittin afaan isaa katabatu bocuu, miidiyaalee (gaazexootaafi barruulee, akkasumas raadiyoo) Afaan Oromootiin ummata tajaajilan eegaluufi biyya Oromoon waloon qabaataa tureefi deebisee uummachuu barbaaduuf maqaa Oromiyaa jedhu laachuufi dhaadhessuun hojiileen biroo carraaqqi deebisanii ijaaruuti.
Haalli sirna cunqursaa hamaa ta’us hojiin deebisanii ijaaruu kun baroota 1970’moota fi 1980’moota keessa bifa saffisaa ta’ee fi wareegama guddaan raawwatame. Maqaan Oromummaa kan mulqamee maqaa jibbaa fi sabichi ittiin of hin waamneen bakka bu’ee ture deebi’ee ‘Oromoo’ jechuun maqaa seerawaa sabichi ittiin of waamu tahe. Dhuma 1980’mootaa keessa sabni Oromoo jedhamu deebi’ee akka ijaaramaa jiruufi biyyi Oromiyaa jedhamtus sammuu sabaa keessatti habaqaalfamuun ishii hayyoota alagaatinis hubatamuu danda’e. Yeroo saniin booda eenyummaa saba kanaa haaluuniifi adda facaasuudhaan Itoophiyaa itti fufsiisuun akka hin danda’amne warra qabsoo Oromoo balfuufiyyuu ifa ta’aa dhufe. Agarsiisni aadaa kan bara 1974 magaalaa Finfinnetti geggeeffame ijaarsa sammuu fi qalbii namootaa kana sadarkaa itti aanutti furgaase ture.
Ummata dammaqsan san aadaa, afaan, seenaa, asxaafi biyya waloo sammuu keessatti erga uumaniifi booda, boqonnaan itti aanu kan sammuutti tolfame san lafarratti argamsiisuudha (actualizing the imagined.) Hojiin dammaqsuufi ijaaruu hamma tokko milkaa’inaan raaw’atamuun boqonnaa itti aanutti cehuuf haala mijeesse.
1.3. Boqonnaa Sirna Biyya Ijaaruu (State Formation)
Akeekni qabsoo sabaa sirna biyyaa (state) sabaafi daangaan isaa beekame ijaaruudha. Sababni biyya dhaabbachuun barbaachiseef ummanni tokko dantaa waloo isaa tarkaanfachiisuudhaaf caasaafi jaarmayaa walitti qindeessee isa geggeessuu waan isa barbaachisuufi. Caasaalee hunda keessaa hojii waloo qindeessee dantaa waloo tarkaanfachiisuuf kan fayyadu sirna mootummaa (state is the highest form of social organization) dha. Dabalataanis ummata tokko mirgaafi dantaa matayyaafi dhuunfaa kan irratti sarbus sirna mootummaati. Kanaafuu akeekni qabsoo saba tokkoo sirna dantaa isaa miidhu san dhuunfachuun akka isa fayyadutti jijjiiruu ykn ammoo sirna mootummaa jiru san diigee ykn irraa fottoqee sirna haaraya ijaarrachuudha.
Waldhibdeen biyya walaba ijaarranna moo tanuma jirtu dhuunfannee dantaa eegsifanna jedhu Oromoo keessatti ganamumaan kan dhalateefis sababuma kanaani. Bu’ureessitoonni qabsoo Oromoo barbaachisumaa sirna biyyaa (state) ganamumaan hubachuun irratti wal ta’anis sirna jiru dhuunfannee dantaa keenyaaf fayyadamna moo diignee irraa fottaqnee kan mataa keenyaa kophatti jaarranna kan jedhurratti falmaan ganamumaan dhalatte. Garagarummaan kun hoggansa jidduutti qoqqodama uumuun gatantara qabsoo fidus, yaada ‘hiree murteeffannaa’ jedhu irratti waliigaluun hojiin itti fufe. Kana jechuun gamni lachuu caasaan dantaa ummata Oromoo waloon tarkaanfachiisuu Oromiyaa jedhamu jaaramuu irratti waliif galuun, Oromiyaan kophatti baati moo Itoophiyaa keessatti itti fufti jedhu murtii gara fuulduraaf akka bultu godhame. DABALATA Seenaa Gooticha Oromoo Huseen Bunee
